Oomishaalee dheedhii fi zayitaa alatti argamanirraa galiin Doolaarri miiliyoonni 500 fi miiliyoonni 72.9 argame

Wait 5 sec.

Finfinnee, Sadaasa 15, 2019 (FMC) – Oomishaalee dheedhii fi zayitaa alatti argamanirraa galiin Doolaarri Miiliyoonni 500 fi miiliyoonni 72.9 argamerra jedhe Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa.Bara baajataa 2018/19 keessaa daldalli alaa Itiyoophiyaa Doolaara biiliyoona 11.2 qaqqabuu fi kana keessaa Oomishaalee dheedhii fi zayitaa alatti argamerraa galiin Doolaarri Miiliyoonni 500 fi miiliyoonni 72.9 argameera jedhan Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Aadde Yaasmiin Wahaabrabbiin.Mootummaan kuufama damichaan jiru fayyadamuuf sharafa alaa gabaan durfamu hojiirra oolchuu kaasan Aadde Yaasmiin.Konfiraansiin Idil-addunyaa Midhaan Dheedhii fi Midhaan Zayitaa 15ffaan mata duree “Daldala dandamataa fi sonaalee cancala Itti fufaa Qabu” jedhuun, Godahambaa Saayinsii Finfinneetti gaggeeffamaa jira.Oomishtoonni, ergitoonni, bittoonni idil addunyaa, dhaabbileen Faayinaansii, hoggantoonni mootummaa olaanoon , Ambaasaaddaroonnii fi qooda fudhattoonni biroo 600 ol Konfiraansicharratti hirmaachaa jiru.Siifan Makonniin#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa