Waltajjiin Gabaa fi Badhaasa Fiilmii Afrikaa marsaan 2ffaan Finfinneetti Gaggeeffamuufi

Wait 5 sec.

Finfinnee, Sadaasa 15, 2019 (FMC) – Waltajjiin Gabaa Fiilmii fi Badhaasa Afrikaa (African Film Market and Awards – AAFMA 2026) marsaa 2ffaan Finfinneetti gaggeeffamuuf qophiin taasifamaa jira jedhe Ministeerri Aaadaa fi Tuurizmii.Waltajjiin kun tumsa Ministeera Aadaa fi Tuurizmii fi Dhaabbata Ityoo-Arkwood Entertainments PLC’n kan qophaa’e yoo ta’u, Sadaasa 18 hanga 19 bara 2019’tti Yaadannoo Injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama.Ministir Deetaan Ministeera Aadaa fi Tuurizmii, Gargaaraa Piroofeesaraa Nabiyyuu Baayyeen, Mootummaan Ida’amuu hojiiwwan aartii yaadama Tokkummaa Afrikaan durfaman akka babal’atanii fi hawaasa bira akka ga’an haala mijataa uumuu ibsaniiru.Itiyoophiyaa giddugala oomisha fiilmii Afrikaa fi tuurizimii konfiraansii (MICE) taasisuuf hojjetamaa jiraachuus kaasan.Dabalataanis, aartiin duudhaa biyyaalessaa fi iddoowwan tuurizimii beeksisuuf, Afrikaanonni seenaa isaanii afaan ofiitiin akka himatan taasisuun seenaa dogoggoraa sirreessuuf, akkasumas tumsa mootummaa fi damee dhuunfaa cimsuuf gahee olaanaa qabaachuu kaasan.Waltajjiin kanarratti ogeeyyiin damichaa biyyoota Afrikaa garaagaraa irraa dhufan 500 ol ni hirmaatu jedhan.Bakka buuutuun Dhaabbata ‘Ityoo-Arkwood Entertainments’, Aadde Arseemaa Warquu, gama isaaniin mata dureewwan kunneen marii paanaalii afur keessatti akka ilaalaman ibsan.Waltajjiin AAFMA 2026 kun qabeenya kalaqaa Afrikaa gara carraa dinagdee qabatamaa fi walitti hidhamiinsa invastimantiitti jijjiiruuf kan kaayyeffate ta’uu ibsan.#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa