Finfinnee, Sadaasa 15, 2019 (FMC) -Qaamoleen Sudaan hundi gara waltajjii mariitti akka dhufan Itiyoophiyaan waamicha nageenyaa dhiyeessiti jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.Dooktar Abiy Ahimad dhimma Sudaan ilaalchisee Afaan Arabaatiin ergaa dabarsaniiru.Waraana Sudaan waggoora afura lakkoofsise dhaabsisuu fi furmaata waaraa fiduuf akeeke humnoota siyaasaa, loltummaa fi siviiliif waamicha nageenyaa ifatti dhiheessan.Itiyoophiyaan lammiileen Sudaan fedhiisaaniin waltajjii marii hunda galeessa nageenya waaraa itti fidan keessummeessuu fi mijeessuuf qophii ta’uushee mirkaneessaniiru.Lammiileen Sudaan carraa egeree isaanii kan ittiin murteessan waltajjii marii hunda galeessa qopheessuu fi gaggeessuuf Itiyoophiyaan qophii ta’uushee ibsaniiru.Itiyoophiyaa fi Sudaan obbolummaa daangaa ce’e, walitti hidhaminsa hawaasummaa fi aadaa, akkasumas hariiroo seena qabeessa walitti hidhaminsa bara dheeraa qabaachuu himan.Carraan egeree Sudaan lammiilee Sudaaniin qofa kan murteeffamu ta’uu yaadachiisan.Qaamoleen Sudaan hundi biyyasaaniif dursa kennuun itti gaafatama fudhachuun waamicha kanaaf deebii gaarii akka deebisan Itiyoophiyaan abdii guutuu qabdi jedhan.#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddaa #UummataGuddaa #Mul’ataGuddaa#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddaa #UummataGuddaa #Mul‘ataGuddaa