Finfinnee, Sadaasa 16, 2019 (FMC) – Finfinneen Yaa’ii Fayyaa Hawaasaa Afrikaa Idil Addunyaa 5ffaa Giddugala Konveenshinii Idil Addunyaa Addisiitti keessummeessaa jirti.Hirmaattoonni biyyoota 100 ol irraa walitti dhufan kumni 30 ol yaa’icharratti hirmaachaa jiru.Akkasuma damee Maallaqaa, Karooraa, Qonnaa fi Eegumsa Naannoo bakka bu’uun Ministiroonni 46 ol yaa’icharratti argamaniiru.Finfinneen qopheessituu Yaa’ii Qabeenya Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii 32ffaa ta’uu isheen qophii bal’aa taasisaa jirti jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.Bara dhufu COP 32‘f Handhuura Dippiloomaasii Afrikaa kan taate magaalaa miidhagduu fi hawwattuu Finfinneetti wal haa agarru jedhan.#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa