Kan kabajni maluuf kabajuun ogummaa bal’isanii yaaduuti –Obbo Mahaammad Idiriis

Wait 5 sec.

Finfinnee, Sadaasa 17, 2019 (FMC) – Kan kabajni maluuf kabajuun ogummaa bal’isanii yaaduuti jedhan Ministirri Raayyaa Ittisaa Obbo Mahaammad Idiriis.Obbo Mahaammad Idiriis, Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Yaa’ii Idilee 4ffaa bara hojii 1ffaa waggaa 7ffaa har’a gaggeessen Raayyaa Ittisaaf kabaja, tumsaa fi beekamtii kennuu isaaf galateeffataniiru.Kabajni guddaan fi dinqisiifannaan miseensonni mana maree bakka bu’oota Ummataa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa birmadummaa fi nageenya biyya kabachiisuuf aarsaa kaffalaa jiruuf agarsiisan, hamilee fi jajjabina guddaa ta’uu ibsan.Gooticha Raayyaa Ittisaaf kabajaa fi ulfina qabaachuu eeruun, Itiyoophiyaan ilmaan isheen kabajamtee ni jiraatti jechuun himan obbo Mahaammad Idiriis.#MullataGuddaa#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa