Hubannoon namtolchee birmadummaa teeknooloojii, guddina diinagdee fi qormaatilee misoomaa furuuf humna murteessadha – Obbo Tamasgeen Xurunaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Sadaasa 15, 2019 (FMC) – Yaa’ii 5ffaa Fayyaa Hawaasaa Afrikaa cinaatti Ittaantuu Pireezidaantii Ugaandaa waliin Inistiityuutii Hubannoo namtolchee daawwanneerra jedhan Ittaanaan Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xurunaan.Hubannoon namtolchee birmadummaa teeknooloojii, guddina diinagdee fi qormaatilee misoomaa furuuf humna murteessaa ta’uu ibsan.Dandeettii kana guddisuuf afaan keenyaan, beekumsaa fi dhugaarratti hundaan teeknooloojii gabbisuu, qorannoo fi kalaqa cimsuun barbaachisaa ta’uu eeran.Damee Fayyaanis Hubannoon Namtolcheen dandeetti ogeeyyii yaala fayyaa deeggaruu fi uwwisa tajaajilaa fooyyessuurratti gahee olaanaa qabaachuu kaasan.Kanas haala qabatamaa Afrikaa waliin walsimsiisuun furmaata qopheessuu fi nageenya odeeffannoon mirkaneessuun murteessaa ta’uu hubachiisan.#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa