Finfinnee, Sadaasa 17, 2019 (FMC)- Mootummaa Ertiraa bakka dhokatee bahee kan hin beekne , xiyyaara keenyaan ollaa wajjiin wal qunnamsiifneerra jedhan Ministirri Muumeme FDRI Dooktar Abiy AhimadMinistirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsa paarlaamaaf ahar’a kennanaiin waa’ee Eritiraa wayita ibsan akka jedhanitti, Mootummaa Ertiraa bakka dhokatee bahee kan hin beekne , xiyyaara keenyaan biyyoota ollaa wajjiin wal qunnamsiifneerra.Kana kan goone waliin guddachuu akka dandeenyu waan amannuufi jedhan.Mootummaa Ertiraa waliin misooma waliinii dhugoomsuuf carraaqqii guddaa taasifneerra.Fakkeenyaaf, rakkoo dhiyeessii ibsaa waan qabaniif, Ibsaa isiniif dhiyeessina; gatii Itiyoophiyaatti fayyadamaa” jennee turre. Haa ta’u malee, mootummaa Ertiraa hin feene.Daandii fi buufata doonii waliin misoomsina jennee gaafannee turre. Garuu mootummaa Ertiraas kanafis fedhii hin qabu.Sababni isaas, mootummaan Ertiraa mootummaa yeroo gabaabaaf aangoo irra jiru waan ta’efi.Haa ta’u malee, jechoonni misoomaa fi guddina jedhan galmee jechoota isaanii keessatti hin argaman jechuun akeekan.Misoomni guutummaatti isaan biratti hubannoo hin qabu. Kunis hanqina isaaniiti.Yeroo Ajaja Kaabaarra haleellaan ga’u, amala ollummaa gaarii mootummaa Ertiraan agarsiiseef galata guddaa qabna.Haa ta’u malee, rakkoon kan jalqabe yeroo gara Tigraay seenanii dargaggoota ajjeesuu, bu’uuraalee misoomaa barbadeessuu fi saamuu jalqabaniidha.Dhuma irrattis, yeroo waliigalteen Piriitooriyaa mallattaa’u mootummaan Ertiraa mufachuu jalqabe.Ammaa mootummaa Ertiraa irraa wantoota lama barbaanna.Isaaniis, Diinota Itiyoophiyaa hidhachiisuu fi meeshaalee waraanaa dhiyeessuu dhaabuu; akkasumas diinota Itiyoophiyaa waliin tumsa gochuu irraa of qusachuu.Inni biraa Misooma waloof waliin hojjechuudha. yeroo waliin hojjenne yaada, maallaqaa fi humna hojii ni gumaachina.Eritiraa irraa kan barbaannu tumsa qofa.Kana gochuu yoo dandeessan, nagaan waliin jiraachuun ni danda’ama.Garuu shaabiyaan humna dogoggora sirreeffamuu hin dandeenye keessatti itti fufu yoo ta’e, balleessaan kan Eritiraa ta’a jedhan.#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa