Bu’aan Korporeeshinichaa Birrii biiliyoona 3.4 irraa Birrii biiliyoona 43tti guddate – Dooktar Abiy Ahimad

Wait 5 sec.

Finfinnee, Sadaasa 17, 2019 (FMC) – Bu’aan Korporeeshinii Baaburaa Birrii biiliyoona 3.4 irraa Birrii biiliyoona 43tti guddateera jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.Manni Maree Bakka Bu’oota Ummaataa Yaa’ii idilee 4ffaa bara hojii 1ffaa waggaa 7ffaa har’a gaggeesseera.Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad gaaffii fi yaada miseensonni mana marichaa dhiyeessaniif ibsa kennaniiru.Jijjiiramaan dura mindaa hojjettootaa illee kaffaluuf rakkachaa kan ture Korporeeshinii Baaburaa riifoormii hojjetameen waggaatti bu’aa Birrii biiliyoona 43 galmeessuu danda’uu dubbatan.Baay’inni lokoomootiivota Elektirikii fi kan boba’aan hojjetanii  11 qofa turan amma gara 36tti guddachuu eeran.Saffisni Baaburaa saa’aatii tokkotti Kiiloo Meetira 37 ture, amma gara Kiiloo Meetira 55tti guddachuu dubban.Tajaajilli imaltootaa waggaa kuma 100 fi kuma 98 irraa gara kuma 500 fi kuma 88tti guddachuu himan.Dandeettiin fe’umsaa Toonii miiliyoona 1.3 irraa gara Toonii miiliyoona 4.3 gahuu ibsan yaada kennaniin.#MullataGuddaa#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa