Finfinnee, Sadaasa 17, 2019 (FMC) – Nageenyi Sudaan Nageenya keenya waan ta’eef nageenyi biyyattii akka waara’uuf gahee keenya ni baana jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad yaadaa fi gaafii miseensoota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarra dhiyaataniif ibsaa fi deebii kennaniiru.Lammiileen Itiyoophiyaa durii eegalanii Nageenya Sudaan waaressuuf gatii kaffalaniiru.Itiyoophiyaan biyyoota ollaa walitti araarsuuf hojiilee guddaa hojjetaa turuu eeran.Mootummaan Itiyoophiyaa rakkoon nageenyaa Sudaan keessatti mudate karaa nagaan akka furamu hojjechuuf qophii ta’uu mirkaneessan.Mootummaan Eertiriyaa dhimma misoomaa hin beeku? dhimmi misoomaa qoosaa isatti fakkaata jedhan.Waliigalteen Piriitooriyaa guyyaa mallattaa’uu eegale diina Itiyoophiyaa ta’ee argamuu kaasan.Amma diina Itiyoophiyaaf haala mijeessuun hojii ijoo godhatee hojjetaa jiraachuu ibsan.Nuti ammas waraana hin barbaannu, waliin misoomuu, obbolummaan waliin jiraachuu feena.Ummanni Eertiriyaa maatii keenya, nagaa fi tasgabbiin akka jiraatan barbaanna jechuun himan.Mootummaan Eertiriyaa gochaalee badii fi shira raawwachaa jirurraa yoo of hin qusanne badiin isaa fagoo miti jedhan.Waraanni eegalamnan garuu qaamni kamiiyyuu yoo itti ida’ames Itiyoophiyaan yeroo gabaabaa keessatti waraanicha akka xumurtu hin shakku jedhan.#MullataGuddaa#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa