Finfinnee, Adoolessa 18, 2018(FMC) – Godina Jimmaatti baroottan darban keessa biqiltuuwwan avokaadoo lafa heektaara kuma 18fi 316 irra dhaabamuun misoomaa jiru.Biqiltuuwwan kanneen keessaa waggoottan 3n dura kan dhaabaman omoshawwan galtee indistiriiwwaniif ta’an kennaa jiru.Bulchaan godina Jimmaa Tijjaanii Naasir bara kana avokaadoo kiiloo giraama miiliyoona 6fi kumni 770ni indistriiwwanii akka dhihaatan himaniiru.Kana keessayis avokaadoon kiiloo giraamni 70ni sagnii filatamaa ta’uu eeraniiru.Qonnaan bultootni godinichaa duraan omisha isaanii gabaa naannootti qofa gurgurachaa turan amma walitti hidhamiinsa gabaa umameen omisha kiloo giraama 1 birri 60tti gurgurachuun fayyadamoo ta’aa dhufuu himaniiru.Muktaar Xaahaatu gabaase#Oromia #Ethiopia