Finfinnee, Adoolessa 18, 2018 (FMC) – Fedhiin Itoophiyaan karra galaanaa argachuuf qabdu gaaffii faayidaa biyyaalessaa qofa osoo hin taane, waamicha seenaa fi uumamaa kan yeroo darbe keessatti qaama mootummaa ishee ta’ee ture, jechuunis karra galaanaa shiraan irraa fudhatame deebifattee argachuuf dhiyaateedha.Seenaa akka agarsiisutti, bara mootummaa Aksuumitti buufanni doonii Aduulis giddugala daldala idil-addunyaa ture. Yeroo itti aananittis Itiyoophiyaan karaa buufata doonii Masawwaa fi Asab karra galaanaa ofii godhattee turte.Naannoo kana keessatti abbaa karra galaanaa kan turte Itiyoophiyaan naannoo Galaana Diimaa keessatti hojiiwwan seenaa fi qaroomina durii ta’an hedduu hambaa godhattee jirti. Haa ta’u malee, carraa seenaa, murtoo siyaasaa fi mala diinootaatiin karra galaanaa seenaa fi seeraan kan ishee ta’e irraa erga adda baafamtee waggoonni hedduun lakkaa’amaniiru.Karaan Itoophiyaan karra galaanaa dhabde baay’ee nama gaddisiisa. Kunis Itoophiyaa qofaan osoo hin taane, namni haqatti amanu kamiyyuu yaada kana ni qooddata.Itiyoophiyaan guutummaatti biyya karra galaanaa hin qabne taatee waggoota soddomaa ol lakkaa’aman keessa jiraachuun guddina diinagdee ishee fi xiinsammuu dhalootaa irratti dhiibbaa guddaa uumaa jira.Mootummoonni kanaan dura turan dhiibbaa kana hir’isuuf yookaan karra galaanaa argachuuf yaalii gahaa hin goone. Kana malees dhaloonni karra galaanaa dhabuu Itiyoophiyaa ilaalchisee hubannoo akka hin horanne taasifamee darbeera.Keessumaa dhaloonni bara 1980moota irraa eegalee dhufe ofii isaatiin dubbisee yoo hubate malee, baay’een isaanii waa’ee buufata doonii, karra galaanaa, humna galaanaa fi sochii diinagdee galaana irratti gaggeeffamu hubannoo gahaa hin qabu; akka beekuufis hin hojjetamne.Kanaafis dhaloonni kun seenaa biyya karra galaanaa hin qabnee jedhu keessatti miidhamaa ture.Haa ta’u malee, Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad dhimma galaanaa irratti ifatti haa mari’annu jechuun uummata duratti erga ibsanii booda, dhaloonni karra galaanaa dhabuu Itiyoophiyaa irratti yaaddoo qabu akka uumamu taasiseera.Gaaffiin Itoophiyaa jechuun, “Karra galaanaa ofii haa qabaadhu; buufata doonii fi koriidarii geejjibaa karaa nagaa fi waliigalteen argachuu” kan jedhu malee, mootummaa biraa irraa lafa fudhachuuf ykn aangoo mootummaa gaafachuuf miti.Akka biyyoonni tokko tokko waliigaltee, waljijjiirraa lafaa yookaan qabeenya biraatiin karra galaanaa argatanitti, namni garaa qulqulluun fi hafuura tumsaatiin yaadu kamiyyuu gaaffiin karra galaanaa Itiyoophiyaa shira siyaasaa kamiyyuu akka hin qabne salphaatti hubachuu danda’a.Gaaffiin karra galaanaa Itiyoophiyaa dhimma seenaa qofa osoo hin taane, dhugaa yeroo ammaa, mirga seeraa fi dhimma birmaddummaa biyyattii ti. Biyya Ummata miliyoona 100 fi miliyoona 30 ol qabduuf, argannaan karra galaanaa falmii siyaasaa yeroo gabaabaa osoo hin taane, qaama karoora tarsiimawaa misoomaa yeroo dheeraa ta’uu qaba.Kanaafuu, gaaffiin kun deebii akka argatuuf filannoowwan nagaa fi dipilomaasii hordofuun, garaagarummaa gara cinaatti dhiisuun, Itiyoophiyaa akka biyyaatti fi Itiyoophiyaanota akka uummata tokkootti walitti fiduuf ajandaa cimaa taasifachuun itti fufuun barbaachisaa dha.Tigisti Gizaachoon#Oromia #Ethiopia