Finfinnee, Adoolessa 19, 2018 (FMC) – Manni Maree Naannoo Beenishaanguul Gumuz wixinee baajata bara 2019’f Birrii biiliyoona 25.4 ol ta’uun dhiyaate qorachuun raggaasiseera.Wixineen baajata waliigalaa Mootummaa naannichaa baajata bara 2019 birrii biiliyoona 25.4 ta’uun kan dhiyaate yoo ta’u, manni marichaa wixinee dhiyaaterratti erga mari’ateen booda sagalee guutuun raggaasiseera.Baajanni bara kanaan kan bara darbeerra % 30 guddina qabaachuutu ibsame.Baajatichi galii naannichaa, deeggarsa mootummaa Federaalaa, galmoota misooma waaraa, deeggarsaa fi dameewwan biroorraa kan argamu ta’uutu ibsame.Baajanni ragga‘e hojiilee misoomaafi tajaajilaaf kan oolu ta’uu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.