Tajaajilli tola ooltummaa jiruufi jireenya namootaa jijjiiruurra darbee eenyummaa keenya kan bocu daandii jireenyaa dinqisiisaadha.Kaffaltii tokko malee onnee guutuun namoota biroo gargaaruuf harka keenya diriirsuun qabeenyi guddaan dhala namaa gaarummaa ta’uu qabatamaan agarsiisa.Nama tokko fedhii guutuun deeggaruun yookaan ammoo lammii rakkate gargaaruun nageenya keessoo fi gammachuu guddaa nuuf kenna.Addunyaa fooyyofte uumuuf qabeenya guddaa osoo hin taane hojiilee gaggaarii hojjechuun gahaadha. Kunimmoo warreen kaaniif abdii guddaa uuma.Humni xiqqaafi yeroo gabaabaan nuti kenninu jireenya namootaa keessatti ashaaraa gaarii uumuuf humna guddaa qaba.Tola ooltummaan dhiphina mataa keenyaa dagannee rakkoo warreen kaanii akka qooddannuufi miira namummaan akka ilaallu nu taasisa.Kanaafuu harki jaalalaafi gaarummaan diriirsinu eebba guddaa warreen kaaniif ifa, nuuf ammoo hiikaa jireenyaa kan kennudha.Itiyoophiyaanonni waldeeggaruun fi rakkoolee waloon keessa darbuun aadaa cimaa qabna.Damee qonnaan maanguddootaafi namoota harka qalleeyyiif lafa isaanii daboon qotuun, dhahuun fi gara gootaraatti galchuun akkasumas kan oomishanirraa qooduufiin duudhaalee uummataa turedha.Itiyoophiyaanonni tola ooltummaa kan agarsiisan wayita rakkoo qofa miti. Fakkeenyaaf aadaa dabootiin wayita hojiileen dandeettii maatii ol ta’an kanneen akka qonnaa, haamaafi ijaarsa manaa yeroo jiraatan gandi guutuun meeshaa isaa qabatee hirmaata.Duudhaan kaleessaa kana hojimaata dhaabbattummaan itti fufsiisuun osoo hin danda’amiin baroottaniif tureera.Jijjiirama biyyaalessaa hordofee hojiilee namarratti xiyyeeffatan mootummaan Ida’amuu hojjetu keessaa tajaajila tola ooltummaa kennuun isa tokko.Waggoottan darban keessa tajaajila tola ooltummaan hojiileen manneen namoota harka qalleeyyii haaromsuu, dameewwan barnootaa, fayyaa, eegumsa qulqullina naannoo, ashaaraa magariisaafi kanneen biroo irratti hojjetaman bu’aa galmeessisaniiru.Tajaajiloota tola ooltummaa waqtiiwwan gannaafi bonaa hojjetamaniin tajaajiloonni Birrii biiliyoonatti lakkaa’amu hawaasaaf kennamaniiru.Keessumaa mootummaan tajaajila tola ooltummaaf xiyyeeffannoo addaa kennuun sirna hordoffiifi deeggarsaa diriirsuun sosochiilee biyyaalessaa cimsuun dandeettii tajaajila tola ooltotaa ijaarsa biyyaafi fayyadamummaa uummataaf oolchaa jira.Tajaajilli tola ooltummaa kun garaagarummaa tokko malee qajeeltoo namoomaa irratti kan hundaa’edha.Faayidaa namoomaafi hawaasummaarra darbee hawaasni beekumsa, humnaafi yeroo isaa dameewwan misoomaa irra oolchuun rakkoolee naannawaa isaa akka furu, hawaasni tasgabbaa’aan akka uumamuufi guddinni diinagdee waaraa akka dhufuuf gahee olaanaa taphata.Qindoominni mootummaafi hawaasaa kun misooma waaraafi hirmaannaa dargaggootaaf daandii saaqeera.Tajaajilli tola ooltummaa miidhagina Itiyoophiyummaati, hundi ogummaa, beekumsa, humnaafi yeroo isaan hirmaachuu qaba.#Oromia #Ethiopia