Finfinnee, Adoolessa 20, 2018(FMC)- Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humnoota Waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaa Afrikaatti Ajajaa Ajaja Ameerikaa (AFRICOM) Jeneraal Daagviin Andarsan waliin mari’ataniiru.Mariisaaniin tumsa raayyaa ittisaa, nageenya naannawaafi dameewwan tumsaa gara fuula duraatti waloon hojjetan irratti mari’ataniiru.Jeneraal Daaviin Andarsan maricha ilaalchisee ibsa kennaniin, tumsi raayyaa ittisaa biyyoota lameenii dameewwan garaagaraan cimaa dhufuu ibsaniiru.Kunis tumsa raayyaa ittisaa fi kutannoo waloo biyyoota lameenii waggoota dheeraaf ture kan calaqqisiisu ta’uu eeraniiru.Gahee Itiyoophiyaan nageenyaafi tasgabbii naannawichaa keessatti bahachaa jirtus dinqisiifataniiru.Daayrektarri Olaanaan Daayrektoreetii Hariiroo Alaafi Tumsa Loltummaa Raayyaa Ittisaa Meejer Jeneraal Tashoomaa Gammachuu gamasaaniin, marichi bu’aa qabeessa akka tureefi michummaa waggoota dheeraa Ameerikaafi Itiyoophiyaa akkasumas tumsa loltummaa biyyoota lameenii kan cimsu ta’uu dubbataniiru.Maricharratti Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa Eerviin Maasiingaa dabalatee qondaaltonni waraanaa olaanoon biyyoota lameenii argamuu Miidiyaan Oonlaayinii Raayyaa Ittisaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.#Oromia #Ethiopia