Finfinnee, Adoolessa 20, 2018(FMC) – Jijjiiramaan dura magaalonni Itiyoophiyaa imaammata misoomaa jirenya jirattotaa jijjiiruu irratti xiyyeeffate dhabuu fi kan tures sirnaan hojiirra ooluu dhabuun jireenyi hawaasa magaalaa boodatti hafaafi rakkoolee hawaas dinagdee adda addaaf saaxilamaa ture.Pilaanii guddina tekinooloojii addunyaa waliin deemu dhabuun miidhaginaa fi sadarkaa jireenya jiraattotaa rakkoo keessa galchee ture.Jiraattonni hedduun manneen dulloomoo qulqullinni isaa hin eegamnee fi walitti dhiphachuun sochiif rakkisoo ta’an keessa jiraachuuf dirqamuun jireenya rakkoolee fayyaa fi nageenyaaf saaxilame akka jiraatan dirqisiiseera .Mootummaan jijjiiramaa erga aangootti dhufee asi garuu guddina magaalotaaf xiyyeeffannoo kennuun imaammata misooma magaalaa ammayyaa baasee hojiirra oolcheera.Akkaataa imaammata haaraa kanaatti misooma magaalaa itti fufiinsa qabu mirkaneessuun, bu’uuraalee misoomaa ammayyeessuun, naannoo magariisaa fi eegumsa qilleensaa babal’isuun, dinagdee jiraattota magaalaa guddisuu fi sadarkaa jireenyaa jiraattotaa fooyyessuun hojiiwwan xiyyeeffannoo argatanii hojiirra oolaa jiranii dha.Kana malees bulchiinsa lafaa fi karoora magaalaa sirreessuu fi magaalota dorgomoo fi hawwatoo ta’an uumuun invastaroota, tuuristootaa fi jiraattotaaf hawwataa gochuun qaama imaammatichaati.Hojiiwwan imammaticha hojiitti hiikuuf qabatamaan mul’achaa jiran keessaa misoomni koriidarii magaalaa fi sagantaan maaddii guutuu fakkeenyawwan gurguddaa dha.Sagantaan misooma koriidarii magaalaa yaada Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad maddisiisaniin imammata misooma magaalaa jalatti hammatamee hojiirra oolaa jiru kun, sadarkaa jireenya jiraattotaa jijjiiruurraa eegalee hanga guddina dinagdee waliigalaatti faayidaalee hedduu akka qabu hayyoonni damee kanaa yeroo ibsan mul’ata. Faayidaalee kaneen keessaas:- Magaalota miidhagsuu fi haala ammayyaatti jijjiiruu, sochii tiraafikaa fooyyeessuu, nageenya tiraafikaa mirkaneessuunfi sirna geejjibaa saffisuun, sirna bishaanii fi xuraa’aawwan dhangala’aa fooyyessuun akkasumas lolaa ittisun bu’aawwan gama kanaan galmaa’an keessaa ti.Hojiin misoomamkoriidarii kun naannoo qulqulluu fi magariisa jiraattotaaf miijatoo ta’an uumuun hawaasa fayybuleessa horachuufis faayidaa guddaa kan qabuu dha.Gama dingdeetiinis yeroo ijaarsaa fi ergasiis dhaabbiidhaan dukkaanawwan fi bakkeewwan daldalaa adda addaa sadarkaa eeggatan of keessatti qabateen lammiileef carraa hojii uumeera. Miidhaginnii fi qulqullinni magaalota keessatti sababa misooma kanaan dhufes invastimantii fi daldala hawwachuun galiin kammiilee darbees kan biyyaa KK guddatuuf ga’ee mataa isaa taphachaa jira.Tuurizimii fi tajaajila hoteelaa guddisuu fi tajaajilawwannhawaasummaa akka ibsaa, bishaanii fi qunnamtii fooyyessuunis jireenyi lammiilee akka fooyya’uuf gumaacheera.Ibsaan daandii irraa fi sirni tiraafikaa fooyya’uunis nageenyi lammiilee akka mirkanaa’uuf gargaareera.Miidhaginni magaalaa uumamee fi iddoowwan bashannanaa hedduun uumamanis nageenya xiinsamuu lammiilee mirkaneessuun hawaasa fayyabuleessaa fi gammadaa horachuuf dandeessiseera.Hojiin misooma koriidarii magaalaa guddittii Finfinnee keessatti eegalame kun gara magaalota naannoolee hedduutti yeroo gabaabaa keessatti babal’achuun jireenyi lammiilee haala walfakkaatuun fooyyessaa jira.Muuxannoon magaalota irratti argame kunis gara gandeen baadiyyaatti babal’achuun, qe’eewwan moodelli baadiyyaa baasii xiqqaan humnuma jiraattotaan akka uumamaniif bu’uura ta’eera.Sagantaan misooma koriidarii baadiyyaa fi qe’eewwan moodelaa uumuu kunis: mana jireenyaa, daandii, bishaan dhugaatii, ibsaa, mana barumsaa fi buufata fayyaa waliin qindeessuun jireenya baadiyyaa fooyyeessaa jira.Akkuma misoomni kaariidarii magaalotaa baadiyyaanis karooraan akka misoomuu fi guddatuuf kan gargaaruu dha. Sirna qulqullinaa, dhaabbii biqiltuu fi bulchiinsa naannoo fooyyeessuun naannoo jireenyaa mijataa fi hawwataa ta’e jiraattotaaf kan uumuu dha.Tajaajiloota gabaa, geejjibaa fi hojii daldalaa salphisuun galii jiraattotaa guddisuu bira darbee dinagdeen waliigalaa akka guddatuufis ga’ee mataa isaa kan taphatu dha.Kanaanis magaalaa qofatti osoo hin taane baadiyyaanis bu’uuraalee misoomaa babal’isuu fi sochii dinagdee ammayyeessuun guddinni walqixxaataan akka uumamuuf gargaara.Tajaajiloonni mootummaa salphaatti uummata akka qaqqaban, barnooti fi fayyaan akka fooyya’an, akkasumas jireenyi hawaasaa akka ammayyaa’u gochuun jijjirama hawasummaa dhawaataan fiduuf gargaara.Walumaagalatti misoomni koriidarii imammata misooma magaalaa jalatti hojiiirra oolaa jiru hojii eebbifamaa miidhaginaa fi magriisummaa bira darbee misoomaa fi sadarkaa jireenya hawaasa magaalaa fi baadiyyaa walitti hidhuun guddinni walmadaalaan akka jiraatuuf gargaaruu dha.Yoonaataan Biraanuutiin#Oromia #Ethiopia