Yaa’iin Mana Maree Hojii raawwachiiftoota Gamtaa Afrikaa har’a eegala

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 21, 2018 (FMC) – Yaa’ii Idileen 49ffaan Mana Maree Hojii raawwachiiftoota Gamtaa Afrikaa har’a Finfinneetti taa’amuu eegala.Yaa’ichi mata duree ‘Galmoota Ajandaa 2063 milkeessuuf, dhiyeessii bishaanii itti fufiinsa qabuu fi sirna eegumsa qulqullinaa (saniteeshinii) mirkaneessuu” jedhuun taa’ama.Yaa’ichi qopheessummaa Komishinii Gamtaa Afrikaan guyyoota lamaaf Magaalaa Finfinneetti taa’ama.Ministiroonni biyyoota miseensa Gamtaa Afrikaa yaa’icharratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.Yaa’ichi dhimmoota ajandaalee ijoo, xiyyeeffannoo barbaadanii fi walitti hidhamiinsa Afrikaa saffisiisuuf dandeessisanirratti ni mari’ata.Walga’ii kanarratti ministaronni gabaasa koree raawwii Ajandaa 2063 hordofu ni ilaalu.Akkasumas, waliigalteewwan Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa duraanii fi Gamtaa Afrikaa yeroo ammaa jiran akkaataa itti hojiirra oolan ni gamaaggamu.Dabalataanis,raawwii hojii ijoo Gamtaa Afrikaa kan bara 2026 irratti kan mari’atamu ta’uu ENA’n gabaaseera.#Oromia #Ethiopia