Odeeffannoo ijoo maree biyyaalessaa Adoolessa 17, 2018:-

Wait 5 sec.

Kaleessa mata-dureewwan ajandaa irratti mari’ataman ilaalchisee gareen ogeeyyii (Panel of Experts) irraa ibsaafi galteewwan marii garaagaraa erga dhiyeessanii booda, har’a mari’attoonni marichaa garee 50 ta’uun marii isaanii itti fufaniiru.Hirmaattonni mariichaa guyyoota darbanitti garee miseensota kudhan-kudhaniin ta’uun ajandaa xiqqaa irratti mari’atanii yaada kaasaa turan qaboo yaa’iin mallatteessuun miseensoota garee 50’n gurmaa’aniif dhiyeessaniiru.Kun akkuma jirutti ta’ee Komishinichi hirmaachisummaa fi fedhii addaaf xiyyeeffannoo kennuun Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa waliin ta’uun mari’attoota qaama miidhamtoota ta’aniif deeggarsaa taasiseera.#Oromia #Ethiopia