Finfinnee, Adooleessa 16, 2018 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti nageenya cimsuun misooma waaraa mirkaneessuuf murannoon hojjetamaa jira jedhan Pirezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii.Obbo Awwaluun gaaffii fi deebii Faanaa Miidiyaa Koorporeeshinii waliin geggeessaniin, mootummaan naannichaa haala ummatni sodaa malee ba’ee hojjetee nagaadhaan gara manasaatti deebi’uu danda’u waaraan mirkaneessuuf hojjechaa turuu ibsaniiru.Keessumaa qaamoleen bosona keessatti hidhannoo hidhatanii socho’an karaa nagaa akka filatan gochuuf tattaaffiin guddaan taasifamaa turuu yaadachiisanii, qaamoleen hedduun naannicha keessa hidhatanii socho’aa turan gara nageenyaatti deebi’uu yaadachiisaniiru.Fedhiin nageenyaaf jiru olaanaa ta’uu fi karaan waraanaa furmaata akka hin taane hubachuun, gareewwan hidhatan waliin mariin walitti fufiinsaan gaggeeffamaa turuu eeraniiru.Haa ta’u malee, warra waamicha nageenyaa irra deddeebiin dhiyaate didanii, nageenya naannichaa jeeqanii fi mirga uummataa sarban irratti hojiin seera kabachiisuu cimaan gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.Kanaan dura bakkeewwan sababa hanqina nageenyaatiin misoomarraa fagaatanii turan keessatti nageenyi akka deebi’u gaheen hawaasaa olaanaa akka ture himanii, deeggarsi hawaasaa kun caalaatti akka jabaateei itti fufu waamicha dhiyeessaniiru.Tigist Gizaachoon#Oromia #Ethiopia