Fuula Biraa Itoophiyaa – Tuuriizimii Ispoortii

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adooleessa 16, 2018 (FMC) – Tuuriizimiin ispoortii Itoophiyaa keessatti babal’achaa dhufe, maqaa gaarii biyyattii ijaaruu bira darbee, galii biyya keessaa guddisuufis gumaacha olaanaa qaba.Itoophiyaan atileetiksii, kubbaa miilaa, fiigicha daandii, dorgommii bisikileetii fi ispoortiiwwan aadaa fi ammayyaa biroo keessatti tuuriizimii ispoortii guddisuuf humna guddaa qabdi.Carraawwan tuuriizimii kunneen maqaa gaarii biyyattii ijaaruu, fayyadamummaa dinagdee guddisuu fi bu’uuraalee misooma ispoortii babal’isuuf faayidaa olaanaa qabu.Mootummaan Ida’amuu humna kana hubachuun Finfinnee fi magaalota naannolee keessatti iddoowwan ispoortii hedduu, akkasumas daandiiwwan miilaa fi bisikileetiif oolan ijaareera.Yaada Ministira Muummee Dooktar Abiyyi Ahmad irraa maddeen, waggoota muraasa keessatti bu’uuraaleen misoomaa Finfinnee keessatti ijaaraman sochii tuuriizimii ispoortiif haala mijataa uumaniiru.Keessumaa Finfinneen giddugala tuuriizimii ispoortii akka taatuuf hojiiwwan hojjetaman bu’aa gaarii argamsiisaa jiru. Magaalattiin giddugala tuuriizimii konfiraansii ta’uun ishees guddachaa dhufuun tuuriizimii ispoortiif carraa haaraa baneera.Waggoota lamaan darban keessatti Itoophiyaan taateewwan ispoortii idil-addunyaa 16 milkaa’inaan qopheessuun, damee kana keessatti dandeettii olaanaa akka qabdu qabatamaan agarsiifteetti.Akka fakkeenyaattis, Fiigichi Guddichi Itoophiyaa (Great Ethiopian Run) waggaa waggaan lammiilee biyya keessaa fi alaa hedduu hirmaachisu, akkasumas Yaa’iin Idilee Waliigalaa 46ffaa Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa (CAF) Finfinneetti milkaa’inaan gaggeeffaman isaan muraasa.Taateewwan kunneen maqaa gaarii biyyattii cimsuu qofa osoo hin taane, bu’uuraalee ispoortii haaraa ijaaruu, galii sharafa alaa guddisuu, carraa hojii uumuu fi guddina dinagdee biyyattiif gumaacha guddaa gumaachaa jiru.Kana malees, tuuriizimiin ispoortii keessumaa biyya keessatti gaggeeffamu hirmaattoonni gara naannoolee adda addaa Itoophiyaa akka imalan carraa waan uumuuf, walhubannoo fi hariiroon ummata irraa gara ummataatti akka cimu gahee olaanaa taphata.Fuuldurattis, Federeshinoonni Ispoortii Biyyaalessaa Itoophiyaa 32’n taateewwan ispoortii idil-addunyaa dabalatee dorgommiiwwan biyya keessaa fi idil-addunyaa hedduu qopheessuuf karoorfataniiru. Kunis tuuriizimii ispoortii daran guddisuu fi beeksisuuf gumaacha olaanaa qaba.#Oromia #Ethiopia