Alii Ahimad Inistiityuutii leenjiifi qorannoo Daraartuu Tulluutti argamuun biqiltuu Ashaaraa magariisaa dhaabe

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 15, 2018 (FMC) –Taphataan Garee Biyyaalessaa Kaanaadaa fi kilaba Noorwichi Siitii Alii Ahimad Kutaa Magaalaa Sulultaa Inistiityuutii leenjiifi qorannoo Daraartuu Tulluutti argamuun biqiltuu Ashaaraa Magaariisaa dhaabeera.Hoggantoonni mootummaa Naannoo Oromiyaa, Bulchiinsa Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Sulultaa, akkasumas hawaasni kutaa magaalichaa Alii Ahimadiif simannaa kabajaa taasisaniiru.Lammiin Kaanaadaa Maatii Itiyoophiyaarraa kan dhalate Alii Ahimad Itiyoophiyaatti daawwannaa gaggeessaa kan jiru yoo ta’u, kaleessa iddoolee hawwata Tuurizimii magaalaa Finfinnee garagaaraa daawwatera.Har’a ammoo Inistiityuutii Leenjii fi Qorannoo Daraartuu Tulluu gosoota Ispoortii torbaan leenjii fi hojii qorannoo gaggeessuun Ispoortessitoota gahumsaan horachuuf hojii bal’aa hojjechaa jiru daawwateera.Inistiityuutiichi rakkoowwan damee ispoortii keessatti turan hiikuuf gumaacha olaanaa taasisaa jira.Aliin Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa waliinis mari’achuun kan yaadatamuudha.Siifan Magarsaatiin#Oromia #Ethiopia