Birmadummaa dandeettii ofiin mirkaneessuurra darbee imala teeknooloojii nageenyaa gara biyyoota ollaatti erguu…

Wait 5 sec.

Itiyoophiyaan teeknooloojiiwwan nageenyaafi tasgabbiin ofiisheerra darbitee fedhii biyyoota ollaa guutuuf hojjechaa jirti.Itiyoophiyaan teekinooloojiiwwan kanneen biyya keessatti oomishuu eegaluun ofishee danda’uurra darbitee fedhii biyyoota ollaa guutuuf karoora 2030 qabattee hojjechaa jirti.Tarkaanfiin tarsiimawaan kun imala dheeraa biyyattiin nageenya saayibariin, hubannoo namtolcheefi birmadummaa teeknooloojiin eegalte kan agarsiisudha.Itiyoophiyaan Kanaan dura sooftiweerotaafi bu’uuraalee misoomaa teeknooloojii dhaabbilee nageenyaafi tasgabbiif oolan argachuuf biyyoota biroorratti hirkachaa turte.Haa ta’u malee yeroo ammaa sooftiweeronni nageenyaa Raayyaa Ittisaa, Waraqaa eenyummeessaa biyyaalessaa fi siisytema daataa %99 ta’an ogeeyyii biyya keessaan akka misoomfaman taasifameera.Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa haleellaawwan saayibarii dhiyeenya raawwataman %99.03 milkaa’inaan ittisuun olaantummaa nageenya saayibarii qabaachuun Itiyoophiyaan terminaala nageenyaa Afrikaa adda duree ta’aa dhufuu ishee agarsiiseera.Biyyattiin hojiirra oolmaa teeknooloojiiwwan ammayyaan dirooniiwwan fi jeettiiwwan waraanaa teeknooloojii ammayyaa waliin qindeessuun Baha Afrikaa irraa biyya sadarkaa duraarra jirtu taateetti.Laabraatooriin qorannoo diijitaalaa dhaabbilee nageenyaafi tasgabbiif oolu ijaaramuun gara hojiitti galeera.Tarsiimoon Diijitaal Itiyoophiyaa 2030 Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin ifoome dhaabbilee nageenyaafi tasgabbii dabalatee oomisha teeknooloojii siiviilii guddisuuf akka utubaatti tajaajila.Tarsiimoon kun kaayyoowwan ijaarsa giddugala oppireeshinii biyyaalessaa, manuufaakchariingii Ismaartii fi ce’umsa beekumsaa kan hammatedha.Bu’uura tarsiimoo Kanaan giddugala nageenya saayibarii biyyaalessaa guyyaatti sa’aatii 24 fi torbanitti guyyoota 7 hojjetu ijaaruuf hojjetamaa jira.Nageenya indaastirii eeguufi teeknooloojiiwwan hubannoo namtolchee damee oomishaa waliin wal simsiisuufis tattaaffii guddaa taasisaa jira.Dabalataanis dandeettii injinariingii biyya keessaa guddisuufi kalaqa teeknooloojii deeggaruuf koodaroota miiliyoonatti lakkaa’aman leenjisuun fi yuuniivarsiitiiwwan addaa hubannoo namtolchee ijaaruunis hojjetamaa jira.Karoorri Itiyoophiyaa fedhii nageenyaa biyya keessaa qofa guutuu miti.Bara 2030’tti biyyattiin Baha Afrikaarraa wiirtuu teeknooloojii ta’uun nageenya saayibrii biyyoottan ollaaf sooftiweerota, meeshaalee sakattoo nageenyaa fi sistamoota eegumsa daataa erguuf hojjechaa jirti.Kunis walitti hidhamiinsa naannawaa cimsuurra darbee galii sharafa alaa guddisa.Kana malees Baha Afrikaatti nageenyaafi tasgabbii naannawaa eegsisuuf olaantummaa teeknooloojii uuma.Oomishni teeknooloojii nageenyaafi tasgabbii Itiyoophiyaan eegalte birmadummaa biyyaa dandeettii ofiin mirkaneesuurra darbee imala bara 2030’tti biyyoota Afrikaaf teeknooloojii furmaatawwan nageenyaa ta’an erguuf eegalte saffisiisaa jira.