Artistii buleettiin Almaaz Tafarraan addunyaa kanarraa du’aan boqotte

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 17, 2018 (FMC) – Artistii beekamtuufi jaalatamtuun Almaaz Tafarraan addunyaa kanarraa du’aan boqotteetti.Almaaz dhalattee kan guddatte Godina Boranaa magaalaa Nageelleetti yoo ta’uu sirboota aadaafi ammayyaawaan beekamti.Almaaz Tafarraan albama jalqabaa bara 1978tti dhaggeeffattootaafi jaalattootasheef qaqqabsiifte.Almaaz Okeestiraa Poolisii Federaalaa ta’uudhaan gara magaalaa Jimmaatti ramadamuun sagaleefi shubbisaan tajaajilaa turtetti.Bara 1982tti Albama 2ffaa Mana Muuziqaa Manz Jimmaatti maxxansite.Almaaz walaloowwan sirbaaf ta’aan barreessuun artistoota bebbeekamoo kanneen akka Hirut Baqqalaa fi kanneen biroof kennuushee turtii FMC waliin gooteen ibsuunshee ni yaadatama.Artist Saajjin Almaaz Tafarraan bara 1993 Jimmarraa Finfinnee deemuudhaan jireenyashee guutuummaan guutuutti achi goote.Artiisti Almaaz dhibee ishee mudateen guyyaa kaleessaa addunyaa kanarraa du’aan boqotteetti.Artiisti Almaaz Tafarraa weelluuwwan Afaan Oromoo fi Afaan Amaaraa weellisuun beekamti.Sirni awwaalcha ishee Adooleessa 17, 2018 har’a Mana Amantaa Kiristaanaa Qulqulluu Yooosefitti ni raawwatama.Warqaafarraaw Yaalawutiin.