Itiyoophiyaan biyya kuufama qabeenya bishaanii fi lafa qonnaaf ta’u guddaa qabdu taatus dameen qonnaa ishee waggoottaniif rooba irratti kan hirkatee fi rakkoolee hongeefi wabii midhaan nyaataan saaxilamaa turtedha.Haa ta’u malee mootummaan ida’amuu rakkoo kana furuuf misooma jallisii irratti hojii bal’aa hojjeteera.Hojiin misooma jallisii kunis oomishtummaa qonnaa, wabii midhaan nyaataa fi daldala al-ergii biyyattii irratti jijjiirama olaanaa galmeessisaa jira.Seenaa biyyattii keessatti jijjiirama guddaa kan fide misoomni qamadii jallisii bonee lafa heektaara miiliyoonatti lakkaa’amu uwwisuun Itiyoophiyaa biyya qamadii alaa galchiturraa gara biyya qamadii alatti ergituutti ceesiseera.Agarsiistuu guddaan bu’aa qabeessummaa misooma jallisii misooma qamadii bonee yoo ta’u, biyyattii baasii sharafa alaa irraas baraareera.Qonnaan bulaan waqtii roobaa osoo hin eegiin waggaatti yeroo lama sadii akka oomishuu,fayyadama lafaa irrattis bu’aa qabeessa akka ta’uufi wabii midhaan nyaataas mirkaneesseera.Hidhawwan ammayyaa laggeen gurguddoofi giddugaleessa irratti ijaaraman lafa qonnaa babal’aa dhaabbiin misoomsuuf dandeesssaniiru.Hojii itti fayyadama bishaan lafa jalaarratti hojjetameen boollawwan bishaanii gadi fagoo qotuun iddoowwan hanqinni bishaanii jiruufi gariin horsiisee bultootaatti waggaa guutuu akka oomishan taasifameera.Qisaasama bishaanii hir’isuufis teeknooloojiiwwan garaagaraa bal’inaan hojiirra oolaa jiru.Qonni kilaastaraa qonnaan bultoonni lafa xixiqqaa qaban lafa isaanii walitti qindeessuun bu’uuraalee misoomaa jallisii waloon fi qusannaan akka fayyadaman taasiseera.Oomishaaleen fuduraalee, muduraaleefi midhaan zayitaa jallisiin oomishaman fedhii biyya keessaa guutuurra darbanii gabaa alaaf dhiyaachuu eegalaniiru.Naannawaa baadiyyaafi gariin horsiisee bultootaattis carraa hojii dhaabbii kan uume yoo ta’u, indaastiriiwwan qindeessa qonnaa biyya keessaafis dhiyeessiin meeshaalee dheedhii akka jiraatu godheera.Milkaa’inni misooma jallisii Itiyoophiyaatti mul’achaa jiru imala birmadummaa diinagdee fi wabii midhaan nyaataa biyyattii saffisiisaa jira.Itti fayyadamni teeknooloojiifi ijaarsi bu’uuraalee misoomaa eegalaman Itiyoophiyaan oomishtummaa qonnaan daandii milkaa’inaa irratti akka argamtu agarsiisu.Milkaa’inni kun damee qonnaa qofa osoo hin taane dandeettii guddaa indaastiriifi daldala al-ergii biyyattii kan deeggarudha.#Oromia #Ethiopia