Siimpooziyeemiin Loojistiksii fi Kominikeeshinii Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 20, 2018 (FMC) – Simpooziyeemiin Loojistiksii fi Kominikeeshinii Addaa Afrikaa 2026 qopheessummaa Itiyoophiyaa fi Ameerikaan Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.Siimpooziyeemichi tumsa Ardii Loojistiksii fi Kominkeeshiniin jiru cimsuuf, kalaqa saffisiisuufi qophaa’ummaa nageenya waloo guddisurratti kan xiyyeeffateedha.Sagantaa Baniinsaarratti Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Injinar Ayishaa Mahaammad Afrikaatti Ajaja Ameerikaa Jeneraal Daagviin Andarsanifi Itiyoophiyaattii Ambaasaaddarri Ameerikaa Eerviin Maasingaan argamaniiru.Dureewwan Raayyaa fi Loojistiksii biyyoota Afrikaa 40 irraa dhufan, Dhaabbileen michootaa, Hoggantoonni Olaanaan akkasumas dippiloomaattonni raayyaa biyya keessaa fi alaa Simpooziyeemicharratti hirmaataa jiru.Hirmaattonni yaa’ichaa hanqinaalee damee loojistiksii fi kominikeeshiniin jiran adda baasuun furmaata waaraarratti ni mari’atu.Siimpooziyeemichi tumsa Itiyoophiyaa fi Ameerikaa gidduu jiru cimsuun, tumsa waloofi muuxannoo waljijjirraa dhaabbiilee raayyaa Afrikaa gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf kan kayyeeffateedha.Siimpooziyeemichi hanga Adoolessa 25, 2018 titti kan iti fufu yoo ta’u, biyyoonni Afrikaa muuxannoo dhaabbilee raayyaa gidduu jiru akka wal jijjiranii fi tumsa Ardichaa cimsuu haalota dandeesisanirratti ni mari’atama jedhameera.Masaafinti Birilleetu gabaase.