Finfinnee, Adoolessa 20, 2018 (FMC) – Magaalaa Jimmaatti tola ooltoonni waqtii gannaa dhiiga arjoomaniiru.Sagantaan sosochii tajaajila hawaasummaa Tola Ooltummaa Waqtii Gannaa magaalaa Jimmaatti gaggeeffameera.Sagantaan tajaajila tola ooltummaa kun Adooleessa 1, 2018 magaaloota biyyattii 50 keessatti gaggeeffamaa jira.Sagantaan kun duudhaa gaarii hawaasa keessa ture walitti qindeessuun cimsuu, akkasumas aadaa fedhii ofiin hawaasa tajaajiluu itti fufsiisuu bu’uura kan godhateedha.Dabalataan hirmaannaa hawaasaa guddisuun, walitti hidhamiinsa nageenyaa, walummaa, tumsaa fi hawaasummaa cimsuun tokkummaa sabdaneessummaa gabbisuurratti kan xiyyeeffate ta’uu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa.#Oromia #Ethiopia