Itiyoophiyaa dargaggootaaf mijattu ijaaruuf mari’achaa jirra- dargaggoota

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 20, 2018(FMC)- Itiyoophiyaa dargaggootaaf mijattu ijaaruuf mari’achaa jirra jedhan dargaggoonni yaa’iii marii biyyaalessaa irratti hirmaachaa jiran.Naannoo Beenishaangu Gumuz irraa kan dhufe dargaggoo Adam Saalee, adeemsi marichaa waltajjii hirmaachisaa dargaggoota, dubartoota, hojjettoota mootummaa, qaama miidhamtoota, paartilee siyaasaafi kutaalee hawaasaa biroo hammate ta’uu ibseera.Marichaan dhimmoota ijaarsa biyyaarratti waliigalteen waloo uumamaa jiraachuu ibsuun, kunis waldhabdeewwan biyyaalessaa karaa nagaan furuuf, tokkummaa sabdaneessaa cimsuufi nageenya waaraa mirkaneessuuf qooda olaanaa qaba jedheera.Naannoo Kibba Lixaa Itiyoophiyaarraa kan dhufte Liidiyaa Keeroo gama isheen, marichi saboota, amantaalee, koorniyaafi eenyummaa garaagaraa hirmaachisuun garaagarummaa gara waliigalteetti jijjiiraa akka jiru dubbatteetti.Hirmaannaafi wareegamni dhaloonni ammaa maricharratti argisiise dhaloota itti aanuuf Itiyoophiyaa fooyyoftee fi tasgabboofte ijaaruuf dhagaa bu’uuraa kan kaa’u tarkaanfii seena qabeessa ta’uus eerteetti.Marichi karaa qindaa’aafi hirmaachisaa ta’een gaggeeffamuun mariin waloo hirmaattotaa ijaarsa biyyaaf itti gaafatamummaa waloo guddisuuf qooda olaanaa bahata kan jedhe ammoo dargaggoo naannoo Gambeellaa irraa dhufe Chool Tuugi.Namoonni rakkoolee isaaniirratti mari’achuun fi furmaata waloo barbaaduun nageenya waaraa mirkaneessuu akka danda’u ibseera.Dargaggoon magaalaa Dirre Dhawaarraa dhufe Ahimad Huseen ammoo, marii biyyaalessaa irratti hirmaachuun isaa qaama tattaaffi seena qabeessa rakkoolee biyyattii adda baasuun waloon irratti mari’achuun furmaata waaraa kaa’uuf godhamuu ta’uu fi marii bu’aa qabeessa furmaata qabatamaa kaa’u akka ta’e amantaa qabu ibseera.Hirmaattonni kunneen marichi garaagarummaa mariin furuuf, mul’ata waloo ijaaruuf, miira Itiyoophiyummaa cimsuufi dhaloota itti aanuuf Itiyoophiyaa tasgabboofte, tokkummaan ishee jabaate ijaaruuf qooda olaanaa bahachaa akka jiru eeraniiru.Akkasumas marichaan afaan danda’aniin yaada isaanii bilisummaan akka ibsataniif carraan uumamuu kaasanii, kunis dhimmoota biyyaalessaa irratti waliigaltee waloo cimsuuf carraa seena qabeessa kan uume ta’uu ibsaniiru.#Oromia #Ethiopia