Humna Elektirikii Meegaa Waatii Kuma 9 OlMaddisiisuun Danda’ame

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 18, 2018 (FMC) – Bara baajataa 2018 keessa maddoota humnaa garaagaraa irraa humna elektirikii meegaa waatii kuma 9 fi 730 maddisiisuun danda’ameera jedhe Ministeerri Bishaanii fi Inarjii Itiyoophiyaa.Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dooktar Habtaamuu Ittafaa akka ibsanitti, maddoota humnaa garaagaraa irraa humna elektirikii argamu guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.Kanaanis magaalaa fi baadiyyaatti tajaajila elektirikii daran babal’isuun lammiilee fayyadamtoota humna elektirikii taasisuuf kutannoon hojjetamaa jira jedhan .Bara baajataa kanatti humna elektirikii maddoota humnaa garaagaraa irraa oomishamu meegaa waatii kuma 7 fi 910 irraa gara meegaa waatii kuma 9 fi 730tti guddisuun danda’amuus eeraniiru.Haaluma kanaan humna bishaanii irraa meegaa waatii kuma 9 fi 201, humna qilleensaa irraa meegaa waatii 504, humna aduu irraa meegaa waatii 15.32, kosii goggogaa irraa meegaa waatii 25 fi humna ho’a lafa keessaa irraa meegaa waatii 7 maddisiisuun danda’amuu ibsaniiru.Giridii Biyyaalessaa irraa maamiltooti haaraa kumni 400 fi kumni 90 fayyadamoo yoo ta’an, lakkoofsi waliigalaa fayyadamtoota elektirikii miiliyoona 5 fi kuma 800 fi kuma 20 ol gahuu himaniiru.Gama biraatiin, Giridii Biyyaalessaa ala maamiltoota dabalataa kuma 8 fi 910 fayyadamtoota taasisuun, waliigalaan maamiltoonni kuma 18 fi 73 tajaajila elektirikii giriidiin alaa fayyadamuu danda’uu eeraniiru.Bara baajataa kanatti tajaajila elektirikii ummata bira ga’u dhibbeentaa 52 irraa gara dhibbeentaa 54tti guddisuuf karoorfamee, dhibbeentaa 53’n ga’uun danda’amuu Dooktar Habtaamuu ibsaniiru.Malaakuu Gaddifiin#Oromia #Ethiopia