Finfinnee, Adoolessa 17, 2018 (FMC) – Bara baajataa 2018 keessa daldala alaa damee hoortiikaalcharii irraa galiin Doolaarri miiliyoonni 400 fi miiliyoonni 90 argameera jedhe Ministeerri Qonnaa.Ministeerichi raawwii daldala alaa bara 2018 fi karoora bara 2019 damee hoortikaalcharii irratti qaamolee qooda fudhattootaa waliin mari’ateera.Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Soofiyaa Kaasaa wayita kana galii oomishaalee hoortiikaalcharii irraa argamu guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.Baay’inaafi qulqullina oomishaalee damichaa guddisuun galii sharafa alaa dabaluuf kutannoon hojjechuun barbaachisaa ta’uus hubachiisaniiru.Bara baajataa xumurametti oomisha abaaboo irraa Doolaarri miiliyoonni 400 fi miiliyoonni 12, fuduraalee irraa Doolaarri miiliyoonni 57 fi muduraalee irraa Doolaarri miiliyoonni 21 argamuu eeraniiru.Bara baajataa 2019’tti oomishaalee abaaboo, fuduraaleefi muduraalee toonii kuma 300 fi kuma 57 fi 457 gara alaatti erguun galii Doolaara miiliyoona 500 fi miiliyoona 75 argamsiisuuf karoorfamuus kaasaniiru.Walitti qabaan boordii Waldaa oomishtootaafi ergitootaa hoortiikaalcharii Itiyoophiyaa obbo Naggaa Makuwaanint gamasaaniin, galma daldala alaa damichaa milkeessuuf invastimantiif haala mijataa uumuurratti hojjechuun barbaachisaa akka ta’e ibsuusaanii Ministeerichi Faanaa Diijitaaliif ibseera.#Oromia #Ethiopia