Itiyoophiyaan ulaa galaanaa ishee deebifachuun dhimma nageenya biyyaalessaati.Keessummaan mana keenya dhufe hundi gorduuba keenya ilaaluufi sakatta’uuf carraas ta’ee mirga hin qabaatu. Sababani isaas abbaan fedhe akka fedhe mana keenya akka hin seenneef balbala waan tolchinuuf.Biyyi icitii cimaa qabdi; icitii ija qaamolee nageenyaafi misooma ishee hin barbaannee keessa yoo bu’e nageenya ishee balaarra buusu.Ulaan galaanaa ammoo iddoo baay’ee murteessaa ta’e kan bittuufi gurgurtu hunda karaa ittiin dabarsitudha.Ulaa galaanaa dhabuun icitiiwwan biyyaalessaa baay’ee murteessaa ta’an kunneen ija diinaa jalaa akka hin eegamne godha.Itiyoophiyaan ulaa galaanaa dhabuun faayidaalee biyyaalessaa, bulchiinsaafi lammiilee ishee haleellaarraa eeguuf meeshaaleen loltummaafi nageenyaa alaa galchitu ija warreen buufata qabaniifi michuuwwan isaanii akka bu’an gochuun icitii ishee dirreetti baasa.Karaan Itiyoophiyaan ulaa galaanaa itti dhabde badii seenaa qabeessa yeroo mara lammiilee ishee akka abidda saafaa gubudha.Keessumaa abbootiifi haadholii daangaa ishee kabachiisuuf dhiigaafi lafee isaanii itti dhabaniif dhimmi ulaa galaanaa booreedha.Waggoota kumaatamaaf ulaa galaanaa qabaachaa turre, kan dhabne dogoggora namoota siyaasaa uummanni hin filanneeni. “ Akkamitti mootummaan biyya tokko bulchu itti yaaduun ulaa galaanaa dhabsiisa”yaadni jedhu yaada yeroo maraa sammuu isaanii keessa naanna’udha.Amma haalonni jijjiiramuun dhaloonniifi mootummaan haqa Itiyoophiyaa gaafatu dhufeera.Mootummaan Ida’amuu yeroo ammaa hojii gaabbii kana gara abdiitti jijjiiru hojjechaa jira.Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa gaabbii keessaa bahee dhugoomuuf imalarra jira.Dhimmi dippiloomaasiin hin furre hin jiru; karaa nagaa qabeessaafi dippiloomaasiin qajeeltoo kennaniin fudhachuun Itiyoophiyaan gaaffii ulaa galaanaa dhiyeessiteetti.Gaaffiin ishees biyyoota akka Ameerikaa, Faransaay fi Mootummoota Gamtoomanii irraa deeggarsa argateera.Itiyoophiyaanonni ulaa galaanaa dhabuun keenya isaan gaabbisiisu gaaffii ulaa galaanaa mootummaan Ida’amuu dhiyeesse hundi akka deeggaru jajjabeessu.Gaaffii ulaa galaanaa mootummaan ida’amuu dhiyeesse humni dhaabuu danda’u tokkollee hin jiru.Gaaffichi deebii argachuun dirqama. Uummanni miiliyoonni 100 fi miiliyoonni 30 ol fageenya kiiloomeetira 60 irratti buufata irraa fagaatee jiraachuun bu’uura seenaas ta’e seeraa hin qabu.Gaaffiin ulaa galaanaa dhaloonni haaraan gaafate gaaffii haqaa tokkommaan deeggaruu qabnudha.#Oromia #Ethiopia