Haati marii biyyaalessarratti hirmaachaa jirtu ilma dhiiraa dahuun maqaa isaa ‘Komishinii’ jettee moggaafte

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 16, 2018 (FMC) – Naannoo Beenishaanguul Gumuz bakka bu’uun marii biyyaalessarratti hirmaachaa kan jirtu aadde Hadaa Almaahiddiin ilma dhiiraa dahuun maqaa isaa ‘Komishinii’ jettee moggaafteerti.Torbee darbe Naannoo Gaambeellaa bakka bu’uun maricharratti hirmaachaa osoo jirtu ilma dhiiraa kan deesse Aadde Kirnuudoo Ujuluun maqaa isaa ‘Mikikkir’ jettee moggaasuun kan yaadatamuudha.Naannoo Beenishaanguul Gumuz aanaa Uraa bakka bu’uun marii Biyyaalessaarratti hirmaachaa kan jirtu Aadde Hadaa Almaahidiinis ilma dhiiraa nagaan oofkaluun maqaa isaa ‘Komishinii’ jechuun moggaafterti.Yeroon da’umsaa koo akka gahe beekus waltajjii seenaa qabeessa tokkummaa fi nageenya Itiyoophiyaaf murteessaa ta’e kanarratti hirmaachuuf ejjennoo koon argameera jette Aadde Hadaan.#Oromia #Ethiopia