ItiyoophiyaanNetworkii daandii dheeraan Baha Afrikaa keessaa sadarkaa 1ffaa irratti argamti

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 20, 2018 (FMC) – Uwwisni daandii Itiyoophiyaa waggoota muraasa keessatti saffisa guddaan dabalaa dhufeera.Yeroo ammaa dheerinni daandii Itiyoophiyaa Kiiloo Meetira Kuma 100 fi kuma 82 fi 232 gaheera.Milkaa’inni yaadama Ida’amuun argame kun Itiyoophiyaa dheerina daandiin Afrikaarraa Afrikaa Kibbaa fi Naayijeeriyaatti aantee sadarkaa 3ffaa, Baha Afrikaarraa ammoo sadarkaa 1ffaa akka qabaattu ishee taasiseera.Uwwisni daandii waqtii maraa biyyattii Kiiloo Meetira kuma 100 fi Kuma 26 irraa gara kuma 100 fi Kuma 70tti guddateera.Kanaan dura, baadiyyaa irraa ka’anii daandiiwwan asfaaltii guguddaa ga’uuf guyyoota hedduu fudhata kan ture amma lammiileen yeroo giddugaleessaan sa’aatii 1 fi daqiiqaa 25 keessatti daandii guddaa gahuu danda’aniiru.Yaa’insi tiraafikaa akka salphatuu fi dameen loojistiksii akka ammayyaa’uuf, Karrawwan seensaa Finfinnee shanan hunda irratti daandii saffisaa haaraan kiiloo meetira 100 dheeratan saffisa olaanaan ijaaramaa jiru.Daandiiwwan saffisaa dhiyeenya kana xumuramanii tajaajilaaf banaa ta’an keessaa tokko daandii saffisaa Moojoo–Hawaasaati.Daandiin kun kiiloo meetira 202 dheerata.Boqonnaan xumuraa Baatuu–Arsii Nagallee–Hawaasaa ijaarsi isaa guutummaatti xumuramuun tajaajilaaf banaa ta’eera.Daandiin saffisaa Dirree Dawaa – Dawwallee immoo kutaa baha biyyattii buufata doonii Jibuutii waliin kan walqunnamsiisu yoo ta’u, daldala al-ergii fi alaa galchii haala kan saffisiisee fi salphise daandii kaffaltiiti.Daandiin saffisaa Finfinnee–Adaamaa daandii saffisaa biyyattii jalqabaa sarara jahaan ijaaramedha.Daandii saffisaa ijaaramaa jiranii fi hojjetamuuf karoorfaman yoo ilaallu, daandiin saffisaa Adaamaa–Awaash–Malkaajiloo, Koriidariin daldalaa Itiyoophiyaa–Jibuutii guutummaatti daandii saffisaa sadarkaa olaanaa taasisuuf,boqonnaan qoodamee gaggeeffamaa jira.Daandiiwwan saffisaa Finfinnee magaaloota naannolee waliin walqunnamsiisan keessaa daandiin saffisaa Finfinnee–Jimmaa, Finfinnee–Dassee, Finfinnee–Dabra Maarqoosii fi Finfinnee–Naqamtee Qorannoon bu’aa qabeessummaa fi dizaayiniin duraa xumuramee, karaa moodeela tumsa mootummaa fi dhuunfaa gara ijaarsaatti akka galfamuuf hojjetamaa jira.Pirojektoonni daandii ammayyaa karrawan seensaa fi ba’umsaa Finfinnee shanan irratti hojjetaman, rakkoo dhiphachuu tiraafikaa guutummaatti akka furan ni eegama.Daandiwwan saffisaa kunneen yeroo imalaa % 40 hir’isu.#Oromia #Ethiopia