Ministeerichi galii tiriiliyoona 1.5 ol sassaabe

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 20, 2018(FMC)- Ministeerri Galiiwwanii bara baajataa 2018’tti galii tiriiliyoona 1.5 ol sassaabeera.Gamaaggamni raawwii hojii bara baajataa 2018 Ministeerichaafi Komishinii Gumruukaa gaggeeffamaa jira.Ministirri Ministeera Galiiwwanii Ayinaalam Nugusee waltajjicharratti akka jedhanitti, bara baajatichaatti hojiileen adeemsa sassaabbii galii guddisan hedduun hojjetamaniiru.Dandeettii galii guddisuuf hojiileen bu’uuraalee misoomaa taaksii babal’isuu, bulchiinsaafi imaammata taaksii fooyyessuu akkasumas kenniinsa tajaajilaa teeknooloojiin deeggarame hojiirra oolchuu hojjetamaniiru jedhan.Bara baajataa 2018’tti galii Birrii tiriiliyoona 1.28 sassaabuuf karoorfamee karooraan ol Birrii tiriiliyoonni 1.5 ol sassaabamuu eeraniiru.Taaksii biyya keessaa, daldala el-ergii, qaraxaafi taaksiin dameewwan bara baajatichaatti galiin irraa argame ta’uus ibsaniiru.Galiin bara baajataa 2018 argame kan bara 2017 waliin yoo madaalamu guddina %68.69 argisiisuu kaasaniiru.Daawwit Goosaayeetu gabaase.#Oromia #Ethiopia