Asoosama Ijiptii fi Haqa Itiyoophiyaa…

Wait 5 sec.

Dhiibbaan Dippiloomaasii Ijipti hidhaa guddichaa haaromsaa Itiyoophiyaarra darbaa jira.Yeroo Itiyoophiyaan karra galaanaa argachuuf tattaaffii taasisaa jirtu kanatti Ijipti waldhabdee laga Abbayyaa qofaan osoo hin daangeffamin, dhiibbaa dippiloomaasii babal’isuu dhaga’amtummaa Itiyoophiyaa naannichatti dabalaa jiru gufachiisuuf hojjechaa jirti.Ibsi Ijipti dhiyeenya ba’es, hidha haaromsaa qofa osoo hintaane dhimmoota siyaasaa fi tarsiimoo naannawaa Gaanfa Afrikaa hammachuu jalqabeera.Torban kana keessas Ministirri Dhimma Alaa Ijipti Badar Abdelatty nageenyi bishaanii dhimma “jiraachuu fi jiraachuu dhabuu” (existential issue) ta’uu irra deebi’uun ibsan.Itiyoophiyaan”waliigaltee malee ofii qofa” bulchuu barbaaddi jechuun miira mormii keessa akka jiran calaqqisiisan.Ijipti mormii ishee dhageessisuu itti fuftus Itiyoophiyaan garuu hidhi haaromsaa biyyoota yaa’a lagichaa gadii jiran irratti miidhaa hin geessisne, qabeenya uumamaa ishee haqa qabeessaa fi walqixxummaan fayyadamuun mirga akka qabdu ibsiteetti.Mormiin Ijiptii itti fufee, mootummaan Itiyoophiyaa humna naannichaa ta’aa dhufuu daangessuuf tarsiimoo ishee keessaa isa tokko dha.Xiyyeeffannaan dippiloomaasii Ijipti gara carraaqqii Itiyoophiyaan karaa galaanaa argachuuf taasiftutti jijjiiramaa akka jiru akeeka.Adeemsi dippiloomaasii Ijipti haqa teessuma lafaa dagatee, ilaalcha durii “kan yeroon irra darbee” babal’isaa jira.Ijipti guddinaa fi gahee tarsiimawaa Itiyoophiyaan naannichatti qabdu akka qormaataatti ilaalaa jirti.Itiyoophiyaan Hidha haaromsaa fi karaa galaanaa argachuun, bu’uura misooma dinagdee yeroo dheeraa fi badhaadhina biyyaa ta’uutti amantee fuulduratti tarkaanfachaa jirti.#Oromia #Ethiopia