Finfinnee, Adoolessa 19, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan Simpooziyeemii Loojistiksii fi Kominikeeshinii Afrikaa bifaan adda ta’e kan bara 2026 Finfinneetti keessummeessufi.Siimpoziyeemiin kun Adoleessa 20 – 25, 2018 gaggeeffama jedhame.Simpooziyeemii kana irratti biyyoonni 40 fi michoonni indaastirii idil-addunyaa gurguddoon 26 ni hirmaatuun eegama.Daayrektarri Olaanaan Hariiroo Alaa fi Tumsa Waraanaa Raayyaa Ittisaa, Meejar Jeneraal Tashoomee Gammachuun, Simpooziyeemiin Loojistikii fi Kominikeeshinii Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamu kun Itiyoophiyaan gumaacha isheen naannawich keessatti nageenyaa waareessuuf taasifte, bu’aa misoomaa galmeessite, guddina saffisaa magaalaan Finfinnee agarsiisaa jirtu, akkasumas dandeettii walgahiiwwan idil-addunyaa keessummeessuu qabdu irraa kan madde ta’uu ibsaniiru.Simpooziyeemichi tumsa Ameerikaa fi Itiyoophiyaa gidduu jiru cimsuurra darbee, dhaabbilee ittisaa Afrikaa gidduutti muuxannoo wal jijjiiruu fi tumsa waliinii guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu himan.Itiyoophiyaan waltajjii guddaa sadarkaa ardii Afrikaatti gaggeeffamu akka keessummeessituuf filatamuun Raayyaa Ittisaa fi biyyattiif kabaja guddaa ta’uu eeruu Miidiyaan Onlaayinii Raayyaa Ittisaa Faanaa Dijitaalitti himeera.#Oromia #Ethiopia