Mariin rakkoolee walxaxaa fura

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 21, 2018 (FMC) – Mariin rakkoolee walxaxaa furuun biyya cimsa jedhan jiraattonni Naannoo Amaaraa Magaaloota garaagaraa.Seenaa Itiyoophiyaa keessatti Maree Biyyaalessaa yeroo jalqabaaf gaggeeffamaa jiru ilaalchisee Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniif yaada isaanii kan kennan jiraattoonni magaalaa Goondar, carraa biyyaa yeroo itti aanuu murteessuuf mariin barbaachisaa ta’uu ibsan.Muffiiwwan turan mariin hiikuun biyya fooyyeftuu dhalootaaf dabarsuun murteessaa ta’uu kaasan.Jiraattonni magaalaa Dasees mareen biyyaalessaa tokkummaa fi waliigaltee cimsa jedhan.Itiyoophiyaan rakkoolee ishee mariin furuuf murteessuun adeemsa seenaa ta’uu eeran.Mariin kun seenaa Itiyoophiyaa keessatti waan hanga ammaatti hin yaalamnee fi shaakala haaraa ta’uu isaan, lammiileen hundi carraa kanatti sirnaan fayyadamuutu irraa eegama jedhan.Mariin rakkoolee walxaxaa furuun biyya cimtuu ijaaruuf murteessaa ta’uu dubbatan.Tigisti Getaachaw#Oromia #Ethiopia