Finfinnee, Onkololeessa 20, 2019 (FMC) – Har’a Awutoobisoota magaalaa boba’aarraa gara Gaazii Uumamaatti jijjiiraman 26 hojii eegalchiifneerra jedhan Kantibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeen.Kunis tarkaanfii guddaa ta’uu eeruun, baasii geejjibaa fi faalama qilleensaa hir’isuu, yeroo lammiilee qusachuu,akkasuma qabeenya biyya keessaa sirnaan fayyadamuuf kan gargaaru ce’umsa teeknooloojii qabatamaa ta’uu eeran.Hojiin dandeettii keenya eegalame kun yeroo itti aanu caalmaatti cimee itti fufa jedhan.Awutoobisoonni Gaazii uumamaan socho’an haaraan 400 yeroo dhiyootti gara biyya keessaa kan galan ta’uu ibsan.Kaayyoon keenya Geejjiba Ummataa qaqqabamaa, baasii qusatan, naannoo eeganii fi saffisaa ta’an ijaaruun jireenya lammiilee guyyaa guyyaa fooyyessuudha jedhan.Kanaafis tajaajila Geejjibaa caalmatti saffisaa, qaqqabamaa fi si’ataa taasisuuf hojiilee eegalle caalmaatti cimsinee itti fufna jechuun ibsan.Dandeettii keenyaan teeknooloojii ammayyaan bu’aa qabatamaa galmeessuu itti fufna jedhaniiru.#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa