Raashiyaan Afrikaa Badhaatuu fi Birmadummaan Ishee Mirkanaa’e Ijaaruuf Tumsa Ishee Cimsitee Itti Fufti  – Waajjira Pirezidaantii Raashiyaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkoloolessa 17, 2019 (FMC) — Raashiyaan hariiroo biyyoota Afrikaa waliin qabdu cimsuun tumsa Afrikaa badhaatuu fi birmadummaan ishee mirkanaa’e ijaaruuf qabdu akka itti fuftu Daayirektarri Itti Aanaan Waajjira Pirezidaantii biyyattii Maaksiim Oreshkin ibsan.Waltajjiin Afrikaa fi Raashiyaa yeroo sadaffaa gaggeeffamu Roobii dhufu, Onkoloolessa 18, 2019 magaalaa guddoo Raashiyaa Moskootti kan gaggeeffamu yoo ta’u, hoggantoonni biyyoota Afrikaa garaagaraa waltajjicharratti akka hirmaatan eegama.Waltajjicharratti Afrikaan bu’uuraalee misoomaa anniisaa babal’isuu, damee qonnaa ammayyeessuu fi oomishtummaa guddisuu dandeessisan garaagaraa fi sirnoota faayinaansii fi dabarsa beekumsaa hojiiwwan kana deeggaran irratti mariin akka gaggeeffamu ibsameera.Daayirektarri Itti Aanaan Waajjira Pirezidaantii Raashiyaa Maaksiim Oreshkin akka jedhanitti, Afrikaan dameewwan teeknooloojii, bu’uuraalee misoomaa anniisaa, geejjibaa fi loojistikii, akkasumas tajaajila fayyaa fi qonnaa dabalatee, dameewwan garaagaraan  dandeettii ishee cimsuun kallattii misoomaa ishee ofiin  murteessuu qabdi.Raashiyaanis hariiroo biyyoota Afrikaa waliin qabdu cimsuun Afrikaa badhaatuu fi birmadummaan ishee mirkanaa’e ijaaruuf tumsa taasisuu akka itti fuftu ibsaniiru.Raashiyaan dandeettii damee teeknooloojiin qabdu guddisuuf misooma humna namaa fi kalaqa irratti xiyyeeffattee hojjechaa akka jirtu kan ibsan Oreshkin, muuxannoo fi adeemsa jijjiiramaa ishee biyyoota Afrikaa waliin qooduuf qophii ta’uu dubbataniiru.Bilisummaa dinagdee mirkaneessuun qormaatawwan gurguddoo biyyoonni Afrikaa mudatan keessaa tokko ta’uu kaasuun, biyyoonni kunneen tarsiimoo dandeettii dinagdee isaanii cimsu qopheessuun hojii irra oolchuu akka qaban hubachiisaniiru.Raashiyaan tumsa daldalaa fi invastimantii biyyoota Afrikaa waliin qabdu babal’isuun dandeettii dinagdee isaanii cimsuuf hojjechaa akka jirtus eeranii, damee qonnaanis teeknooloojii fayyadamuun oomishtummaa guddisuu, oomishawwan gabaa alaa irratti dhiyeessuu fi dandeettii dinagdee biyyootaa cimsuun xiyyeeffannoo ijoo tumsa kanaa akka ta’u ibsaniiru.Afrikaan dandeettii ofii irratti hundaa’uun hojiiwwan misoomaa cimsuun galmoota misoomaa Ajandaa 2063 keessatti kaa’aman galmaan ga’uuf hojjechuun akka barbaachisuus hubachiisaniiru.#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #Mul’ataGuddaaAshabbir Kaasaahuntu gabaase