Finfinnee, Onkoloolessa 21, 2019 (FMC) – Magaalaan Finfinnee Guyyaa Magaalota Addunyaa bara 2026’n badhaasa “Shanghai Award”, Sagantaa Mootummootni Gamtoomanii fi Chaayinaan qopheessan injifatteetti.Kaantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, injifannoon kun Finfinnee qofaaf osoo hin taane, Itiyoophiyaa guutuuf kabaja guddaa ta’uu ibsaniiru. Badhaasni Shaangaay Sagantaan Qubsama namootaa Mootummoota Gamtoomaniitti fi Chaayinaan qophaa’u, magaalota hojiiwwan misooma magaalaa waarawaa, hammataa, namooma irratti xiyyeeffatee fi dandamachuu danda’u milkaa’inaan shaniif waggaa waggaan beekamtii idil-addunyaa kennamu ta’uu ibsaniiru.Magaalaan Finfinnee kanaan dura bara 2024 badhaasa “Seoul City Award” UN-Habitat fi Magaalaan Se’uuliin qophaa’e injifachuu ishees yaadachiisaniiru.Beekamtiin walitti aansee argame kun hojiiwwan misooma magaalaa keessatti hojjetaman, akkasumas dandeettii magaalattiin dorgommii idil-addunyaa keessatti qabdu mul’isa jedhaniiru.Badhaasni Shaangaay kun keessumaa hojiiwwan misooma magaalaa bu’a qabeessi, waarawaa fi jiraattota fayyaduu irratti xiyyeeffachuun waggoota jijjiiramaa darban keessatti hojjetaman beekamtii idil-addunyaa argachuu isaa agarsiisa jedhaniiru.Hojiiwwan kunneen dandeettii magaalaa Finfinnee keessatti argamu gara bu’aa qabatamaatti jijjiiruu, fayyadamummaa jiraattotaa guddisuu fi Finfinnee magaalaa dorgomtuu taasisuu keessatti gumaacha qaban kan agarsiisan ta’uu ibsaniiru.Keessumaa Finfinneen muuxannoon haaromsa magaalaa biyyoota guddachaa jiran keessatti qormaata cimaa ta’e, milkaa’inaan raawwachuu danda’uun ishee magaalota biroofis fakkeenya barumsa qabatamaa kennu ta’uu ibsaniiru.Injifannoon kun milkaa’ina hojii, tattaaffii waloo fi bu’aa waloo ta’uu eeruun, hunduu baga gammaddan jechuun ergaa dabarsaniiru.#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa