Daandiin qilleensichaa Moozaambiik Magaalaa Nakaalaatti balallii haaraa eegale

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2019 (FMC) – Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Moozaambiik Magaalaa Nakaalaatti balallii haaraa eegaleera.Itiyoophiyaa fi Moozaambiik hariiroo cimaa qajeeltoo Paan Afrikaanizimiirratti hundaa’ee qabaachuu sirna eegalchiisa balallichaarratti kan argaman Ministeera Dhimma Alaatti Daayrekterri Jeneraalaa Dhimmoota Afrikaa Ambaasaaddar Zarihuun Abbabaan.Balalliin haaraan gara magaalaa Guddittii biyyattii Nakaalaatti eegalame ammoo hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti kan cimsu ta’uu dubbatan.Hoggantoonni biyyoota lamaanii Fooramii Xaanaa cinaatti dhimmoota waloorratti mari’achuu isaanii eeruun, kunis hariiroo dameewwan garaagaraa waliin qabaataniif bu’uura kan kaa’u ta’uu dubbatan.Daandiin qilleensichaa Moozaambiikitti bakka ga’umsa 3ffaa isaa Magaalaa Naakaalaatti eegaluu Hogganaan Damee Oppireeshinii Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Rattaa Malaakuun ibsaniiru.