Finfinnee, Onkoloolessa 16, 2019 (FMC) ~ Sagantaan Dhaqqabummaa Elektirikii Biyyaalessaa(NEP 3.0), torban Bishaanii fi Inarjii 3ffaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiru irratti ifatti beeksifameera.Ministeerri Bishaanii fi Inarjii, torban Bishaanii fi Inarjii 3ffaa irratti michoota biyya keessaa fi idil-addunyaa waliin ta’uun, Sagantaa Dhaqqabummaa Elektirikii Biyyaalessaa 3.0 (NEP 3.0) ifatti beeksiseera.Sirna baniinsaa sagantichaa irratti ergaa kan dabarsan, Hoji Gaggeessaan Olaanaa Damee Elektiriifikeeshinii fi Odeeffannoo Inarjii Ministeera Bishaanii fi Inarjii Obbo Masfin Dhaabii, sagantaan NEP 3.0 haaraan boqonnaa haaraa kallattii damee inarjii biyyattii bu’uura irraa kan jijjiiru ta’uu ibsaniiru.Sagantichi xiyyeeffannoo duraan sarara elektirikii diriirsuu fi safartuu elektirikii kaa’uu irratti ture jijjiiruun, elektirikii kallattiin oomishtummaa, guddina dinagdee fi jireenya hawaasummaa lammiileen walitti hidhuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsaniiru.Haaluma kanaan, NEP 3.0 humna elektirikii qonnaa fi oomishaalee qonnaa qopheessuu, jallisiif humna aduu fayyadamu, daakuu midhaanii, horsiisa lukkuu, indaastiriiwwan huccuu akkasumas bu’uuraalee dijitaalaa waliin caalmaatti kan walqabsiisu ta’uu ibsaniiru.Obbo Masfin dabalataan, sagantichaan hamma humna elektirikii oomishamu qofa osoo hin taane, humni elektirikii gatii madaalawaa fi amanamaa ta’e maatiiwwan, qonnaan bultoota, manneen barnootaa fi dhaabbilee fayyaaf akka qaqqabu xiyyeeffannaan lannkenname ta’uu ibsaniiru.Kana malees, teeknooloojii safartuu elektirikii ismaartii diriirsuu fi fooyya’iinsa taarifaa taasisuun, qisaasama humna elektirikii dabarsuu fi raabsuu keessatti uumamu hir’isuun xiyyeeffannoo sagantichaa ta’uun ibsameera.Akkasumas, Ministeera Bishaanii fi Inarjii jalatti caasaa bulchiinsa odeeffannoo inarjii biyyaalessaa diriirsuun karoora odeeffannoo irratti hundaa’e qopheessuu fi tumsa mootummaa fi damee dhuunfaa fayyadamuun, naannolee sarara elektirikii ijoo irraa fagaatan keessatti sirnoota humna aduu xixiqqaa (Solar Mini-Grids) diriirsuun hojiiwwan ijoo sagantichaa ta’uun ibsameera.Dabalataanis, waltajjicharratti walitti hidhamiinsa bishaanii, inarjii, nyaataa fi jijjiirama qilleensaa (WEFC) cimsuu, akkasumas teeknooloojiiwwan nyaata qulqulluu ittiin bilcheessan kanneen faalama aara mana keessaa hir’isan fayyadamuun fayyaa haadholii eeguuf xiyyeeffannoon kennamuu akka qabu mari’atameera.#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa