Finfinnee, Onkololeessa 17, 2019 (FMC) – Fooramiin Xaanaa dandeettii Itiyoophiyaan waltajjii Idil Addunyaa keessummeessuu qabdu dabalaa dhufuu agarsiiftudha Dubbii Himaan Ministeera Dhimmaa Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Getaachoon.Fooramiin Xaalaa 12ffaa Magaalaa Bahiirdaaritti gaggeeffame milkaa’inaan xumuramuu Ambaasaaddar Nabiyaat turtii Faanaa Miidiyaa Korporeeshin waliin taasisaniin ibsaniiru.Hoggantoonni biyyoota Afrikaa, Dippiloomaatoonni, keessummoonni kabajaa fi qooda fudhattoonni fooramicharratti hirmaachuu eeruun, fooramichaan nageenya, tasgabbii fi birmadummaa diinagdee Ardichaarratti marii bal’aan taasifamuu himan.Waltajjichaan Afriikaan dinagdee fi nyaataan yoo of hin dandeenye, rakkoolee fi dhiibbaa hedduuf saaxilamuu akka dandeessu ka’uu himan.Itiyoophiyaan wabii nyaataa mirkaneessuuf carraaqqii taasiste waltajjicharratti dhiheessuu ishee ibsaniiru.Hanga birmadummaan diinagdee hin mirkanoofnetti bilisummaan jiraachuu hin danda’u kan jedhan Ambaasaaddar Nabiyaat, Itiyoophiyaan kana hubachuun birmadummaa diinagdee ishee mirkaneessuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetaa jiraachuu kaasan.Fooraamiin kun Turizimii konfiraansii Itiyoophiyaaf gumaacha guddaa guddaa qabaachuus ibsaniiru.Akkasuma, fooraamichi magaalaa Finfinnee alatti, Baahir Daar keessatti gaggeeffamuun, Itiyoophiyaan konfiraansiwwan idil-addunyaa keessummeessuuf dandeettii akka qabdu agarsiiftuu ta’uu eeran.Itiyoophiyaan bara Faranjootaa 2025 – 2026 keessa Konfiraansiiwwan idil addunyaa 204 keessummeessuu himan.Miikiyaas Ayyalaatiin#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa