Finfinnee, Onkololeessa 21, 2019 (FMC) – Qaroominnii fi Badhaadhinni biyyaa kana mirkanaa’u guddina diinagdee fi qabeenya meeshaalee gabbisuu qofaan osoo hin taane, duudhaalee, aadaa fi hamilee cimaa ijaaruuni.Akkasuma beekumsa itti gaafatamummaa hawaasummaa waliin qindeessuu dabalata.Badhaadhina gama hundaa jechuun badhaadhina qaamaafi afuuraa, badhaadhinni aadaafi safuu kan itti walitti dhahamanidha.Kanaaf ammoo hooggansi qophaa’ummaa gama hundaa isa barbaachisa.Qaamaan kan gabbate, hamileedhaan kan cimee, beekumsaan kan qarame, ogummaan kan bilchaate akka ta’uutu irraa eegama.Keessumaa miira jaalala biyyaafi quuqama uummataatiin dirqamasaa akka bahu imaanaan biyyaa cimaadha.Saayinsiin loltummaa muuxannoofi jireenyi kaayyoofi eenyummaa dhala namaa bocuudhaan gita hin qabu.Dhalli namaa qaamaanis, qalbiidhaanis, naamusaanis, raawwiidhaanis naamusa qabeessa akka ta’u gochuudhaan baroota hedduuf dhaloota qopheessaa tureera.Nama eenyummaansaa keessaafi duubaan miidhage bocuudhaan hooggantoota gurguddoo horateera.Gahumsaan dirqama raawwachuu, qalbii gootummaatiin tajaajila kennuu, naamusa hojii bocuu, galma waloo waliin milkeessuu, qophaa’ummaa hoggayyuu, irraa jalaan hooggansa horachuu, ittigaafatamummaa, gaafatamuu danda’uu, gaaraa hanga dakaatti walsimuudhaan kaayyoo raawwachuufi kan kana fakkaatan duudhaawwan muuxannoo saayinsii loltummaarraa fudhatamuu danda’anidha.Hooggantoonni Mootummaa Ida’amuu Giddugala Leenjii Loltummaa Huursootti leenjii fudhataa jiru.Tarsiimoo guddicha Qaroomina Ida’amuu hojiirra oolchuun akka danda’mu beekumsoota, ogummaawwaniifi muuxannoowwan saayisiifi jireenya loltummaarraa baratamanidha.Keessumaa yaada tokkoon waliigaluuf, sirnakkootti haalaan fayyadamuuf, ittifufiinsaan uummata kaayyoofi gochaaf ijaaruu, waadaa uummataaf seename sirriitti raawwachuun, caasaa gaaraa hanga dakaatti jiru kaayyoo biyyaalessaatiif walsimsiisuu, abbaa imaanaa ta’anii biyya hoogganuu, biyya cichoomina qabduu kan maaliifuu eenyuufuu hinsarmine ijaaruudha.Dhaloota bakka bu’aa horachuufi nageenya biyyaa yoomiyyuu mirkaneessuu kan jedhan yaadota tarsiimoosaa haala sirrii ta’een hubachuufis ta’e raawwachiisuuf leenjiin loltummaa shoora hin tuffatamne qaba.Loltoonni qiyyaafannoo, siiviloonni ammoo kaayyoo qabu.Galmi lachaniyyuu injifannoo galmeessisuudha.Naamusoota lachanuu ilaalcha keessa galchuun dhaloota qiyyaafannoosaa rukutuufi kaayyoosaa milkeessu ni uumna jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.Siifan Magarsaatiin#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa