Finfinnee, Onkoloolessa 20, 2019 (FMC)- Ji’oota sadii itti aanan keessatti Awutoobusoonni magaalaa gaazii uumamaan hojjetan 400 gara biyyaa ni galu jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad. Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, magaalaa Finfinneetti Awutoobusoota magaalaa boba’aa fayyadamuun hojjetan keessaa 26 kan jalqabaa gara gaazii uumamaatti jijjiiraman guyyaa har’aa hojii eegalchiisaniiru. Wayita kana akka ibsanitti, bu’aa oomisha gaazii uumamaa Godeetti argamu fayyadamtoota biraan ga’uuf ji’oota darban keessatti hojiiwwan bal’aan hojjetamaa turuu ibsaniiru. Gaaziin uumamaa fi gaaziin dhangala’aa amaloota adda addaa akka qaban kan ibsan Dooktar Abiy Ahimad, kanaafis oomisha gaazii Godeetti argamu geejjibsiifamuu, kuusaa fi buufataalee boba’aa addaa qopheessuun hojjetamuu kaasaniiru. Awutoobusoonni hanga ammaatti boba’aa benziinaa fi naafxaan hojjetan gara gaazii uumamaatti jijjiiruun hojii dabalataa waan ta’eef, injiinoota biyyoota adda addaa irraa galchuun Awutoobisoota 26 gaazii uumamaan akka hojjetan ta’uu ibsaniiru. Haa ta’u malee, karaa kanaan itti fufuun yeroo dheeraa waan fudhatuuf, awutoobusoonni magaalaa gaazii uumamaan hojjetan 400 ajajamuu fi ji’oota sadii itti aanan keessatti gara biyyaatti akka galan dubbataniiru. Kana cinattis, awutoobusoonni benziinaa fi naafxaan hojjetan injiinii isaanii jijjiiruun gara gaazii uumamaatti ceesisuun cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru. Kunis waggoota muraasa keessatti Finfinneen Awutoobusoota naafxaa fayyadaman guutummaatti gara gaazii uumamaatti jijjiiruu kan dandeessisu ta’uu ibsuu isaanii ENA’n gabaaseera. #Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa