Shaggar 1 – 2 Nageellee Arsii

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2019 (FMC) – Taphoota CBE Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa torbee 5ffaan morkiin darbii Oromiyaa olaantummaa Nageellee Arsiin xumurameera.Tapha har’a waaree booda sa’aatii 9:00 eegalee Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti taphatameen Nageellee Arsiin galchii 2 fi 1’n Shaggar injifateera.Habiib Kamaalii fi Kooliinsi Kofiin galchiiwwan injifannoo Nageellee Arsii mirkaneessan tokko tokko yoo galchan, Daawiiti Kaasaw Shaggariif galchii tokko galcheera.Kana hordofee Nageellee Arsiin qabxii 11’n liigicha dursuu eegaleera.Siifan Magarsaatiin#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa