Jeettii Waraanaa SU- 35…

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2019 (FMC)- SU-35’n jeettii waraanaa ammayyaa Raashiyaa keessatti oomishamuudha.Jeettiin kun hojiiwwan waraanaa hedduu raawwachuuf kan qophaa’e (multi-role fighter jet) jedhama.Dhaabbata dizaayinii xiyyaaraa ‘Sukhoi’n’ jedhamuun kan oomishamu yoo ta’u, xiyyaara Su-27 irratti fooyya’iinsa guddaa taasifameen kan argameedha.Xiyyaarri kun humna qilleensaa to’achuu, aggaammii xiyyaarota diinaa ittisuu fi haleellaa lafaa ykn galaanaa irratti raawwachuuf kan dandeesisudha.Dhaloota 4++ jechuun hoo maali ?Jeettiiwwan waraanaa sadarkaa teknooloojii isaanii irratti hundaa’uun dhaloota adda addaatti ramadamu.Haaluma kanaan Dhaloonni 4 Jeettiiwwan waraanaa raadaara, meeshaalee elektirooniksii fi madda odeeffannoo waraanaa fayyadamaniidha.Dhaloota 4+ immoo Jeettiiwwan dhaloota afraffaa kan fooyya’iinsa teeknooloojii fi meeshaalee waraanaa ammayyaa qabaniidha.Akkasumas Dhaloota 4++ immoo, Jeettiiwwan dhaloota afraffaa irratti fooyya’iinsa guddaa taasifame, teeknooloojiiwwan dhaloota shanaffaa keessaa muraasa fayyadamaniidha.Jeettiwwan kunneen Saffiisaa olaanaa kan qabaniidha.SU-35 saffisa sagalee caaluun balali’uu danda’a.Saffisni isaa olaanaan Maachii 2.25 jedhamee ibsama, kunis haala qilleensaa fi olka’iinsa irratti hundaa’a.Gama biraatiin SU-35 ‘n dandeettii sochii cimaa qabaachuu isaatiin beekama.Motora isaa keessatti sirna kallattii dhiibbaa jijjiiru waan qabuuf paayilotiin xiyyaaricha kallattii garaagaraatti sochoosuu danda’a.SU-35 raadaara ‘Irbis-E’ jedhamu qaba.Akka ibsa oomishtuutti, raadaarri kun galmoota qilleensaa adda baasuu, hordofuu fi sirna meeshaalee waraanaa waliin hojjechuuf gargaaru qaba.Akkasumas SU-35 meeshaalee waraanaa qilleensa keessaa gara qilleensaatti fi qilleensa keessaa gara lafaa ykn galaanaatti xiyyeeffatan baachuu danda’a.Dabalataniis, meeshaalee ofirraa ittisuu fi sirna elektirooniksii fayyadamuun dandeettii hojii waraanaa isaa guddisuu danda’a.Raashiyaan oomisha Su-35 itti fufuun humna qilleensaa ishee cimsuuf itti fayyadamaa jirti.Itiyoophiyaanis Bu’uura waliigaltee Kanaan dura mootummaa Raashiyaa waliin taasifameen guyyaa har’aa jeettiiwwan waraanaa dhaloota 4ffaa SU-35 kudha lama fudhatteetti.Ministirri Muummee FDRI Itiyoophiyaa Dooktar Abiy Ahimad, Ajaja Olaanaan Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa fi Hoggantooonni Olaanaa biroo jeettiwwan kanneen fudhaniiru.Dooktar Abiy wayita kana nageenyaafi tasgabbii biyya keenyaa waaraan mirkaneessuuf tattaaffiin gama maraa taasifnu boqonnaa haaraarra gaheera jedhan.Milkaa’inni seena qabeessi kun birmadummaa biyyattii caalmaatti kan cimsanii fi gara fuulduraattis nageenya waloo fi tasgabbii naannawaa mirkaneessuuf imala taasifnu onnee guutuun akka itti fufnuuf dandeettii guddaa nuuf ta’ajechuun akeekaniiru.Imalli Itiyoophiyaan gara badhaadhinaatti taasiftuu damee hundaan cimee itti fufeera.Tsahaay Gulummaatiin.#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa