Finfinnee, Onkoloolessa 16, 2019 (FMC)- Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen misooma waaraa Finfinnee cimsuuf Sagantaa Quubsumaa Mootummoota Gamtoomanii waliin waliigaltee tumsaa mallatteessaniiru. Waliigaltichi sassaabbiifi xiinxala odeeffannoo magaalaa, hordoffii bu’aalee misoomaa, qophii Pilaanii caaseffamaa 11ffaa, gatii madaalawaan dhiyeessii manneenii fi COP32 waliin walqabatee qophii magaalaa irratti akka xiyyeeffatu eerameera. Waliigalteen kun bulchiinsa magaalaa fooyyessuuf, carraalee invastimantii bal’isuufi jiraattotaaf haala jireenyaa fooyya’aa cimsuuf akka gargaaru ragaan Waajjira Kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa. #Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa