Finfinnee, Onkoloolessa 16, 2019 (FMC) — Lageen baraaruun uumama kunuunsuu qofa osoo hin taane, ergama guddaa jireenya baraaruu, fayyaa hawaasaa fooyyessuu fi misooma magaalaa itti fufiinsa qabu dhaloota dhaalchisuu ti. Magaalaan Finfinnee lageen ishee madda rakkoo ta’uu irra, qabeenya uumamaa gati-jabeeyyii fi carraa misoomaa ta’uu adda baasuun deebisanii haaromsuu fi misoomsuuf hojii eegalteetti. Lageen waggoota dheeraaf faalamanii kuufama balfaa fi manca’iinsa sirnakkoo uumamaatiin miidhaman qulqulleessuu, qarqara isaanii misoomsuu, iddoowwan magariisaa uumuu akkasumas iddoowwan bashannanaa fi sochii qaamaa hawaasaaf faayidaa qaban qopheessuun qabeenya uumamaa magaalaa kanaa gara faayidaa uummataatti jijjiiruuf hojjechaa jirti. Misoomni kun qarqara lageenii bareechuu caalaa Qaamolee bishaanii faalama irraa eeguu, sirnakkoo uumamaa cimsuu, qilleensa qulqulluu fi jireenya fayya qabeessaaf haala mijataa uumuu akkasumas nageenyaa fi qulqullina jireenyaa jiraattota magaalaa fooyyessuuf gahee olaanaa qaba. Lageen faalaman gara qabeenya uumamaa fayya qabeessaatti jijjiiruun rakkoo har’aa furuu bira darbee, qulqullina jireenyaa dhaloota boruu mirkaneessuuf itti gaafatamummaa fudhachuu ta’uu odeeffannoon Waajjira Kantiibaa irraa argame ni mul’isa. Imalli lageen Finfinnee ittiin baraaraman kun qabeenyawwan uumamaa dhokatan adda baasuu, misoomaan guddisuu fi faayidaa waloof oolchuun magaalaa haaromsuun akka danda’amu fakkeenya ta’a. Carraan misoomaa kun mootummaa qofa irratti kan daangeffamu osoo hin taane, hirmaannaa fi itti gaafatamummaa lammiilee hundaa gaafata. Lageen faalama irraa eeguu, balfaa sirnaan gatuu fi qabeenya uumamaa deebifamee haaromfame waliin kunuunsuun gahee nama hundaati. Lageen baraaruun uumama kunuunuu dha; uumama kunuunsuun ammoo jireenya baraaruu dha; jireenya baraaruunis magaalaa itti fufiinsa qabdu dhaloota dhaalchisuu dha! #Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #Mul’ataGuddaa