Fooramiin Xaanaa Itiyoophiyaan Nageenyaa fi Tasgabbii Naannawichaa Keessatti Gahee Murteessaa Qabaachuu Kan Agarsiisudha — Haayilamaariyaam Dassaalany

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkoloolessa 17, 2019 (FMC) – Fooramiin Xaanaa Itiyoophiyaan nageenyaa fi tasgabbii naannichaa keessatti gahee murteessaa qaaachuu kan agarsiisuu dha jedhan Ministirri Muummee duraanii Itiyoophiyaa Haayilamaariyaam Dassaalany. Mata duree “Daandiiwwan Nageenyaa Afrikaa, Birmadummaa Diinagdee fi Jijjiirama Ji’oopoolitikaa” jedhuun Onkoloolessa 13 hanga 15, 2019tti Magaalaa Baahir Daaritti gaggeeffamaa kan ture Fooramiin Xaanaa 12ffaan milkaa’inaan xumurameera. Ministirri Muummee duraanii Itiyoophiyaa Haayilamaariyaam Dassaalany, Fooramii Xaanaa ilaalchisuun akka ibsanitti, waltajjichi waltajjii milkaa’aa hoggantoonni Afrikaa dhimmoota nageenyaa fi tasgabbii naannichaa irratti ifatti itti mari’atanii dha. Waltajjichi namoonni yaada isaanii afaan dippiloomaasiin osoo hin miidhagsin bilisaan akka ibsatan kan dandeessise ta’uu fi kunis waltajjiiwwan idil-addunyaa biroo irraa adda ta’uu dubbataniiru. Fooramiin Xaanaa waggoota 12 darban keessatti yaadota furmaataa barbaachisoo dhiyeessuun, Gamtaa Afrikaatiif gabaasa nageenyaa fi tasgabbii ardichaa qopheessuu keessatti gahee ijaarsaa bahachaa turuu kaasaniiru. Itiyoophiyaan wiirtuu nageenyaa fi tasgabbii naannawichaa ta’uu kan ibsan Ministirri Muummee duraanii obbo Haayilamaariyaam Dassaalany, gara fuulduraattis nageenyaa fi tasgabbii naannichaaf kutannoo qabdu cimsuun itti fufuu akka qabdu dubbataniiru. Kana malees, Itiyoophiyaan furmaatawwan dhiyeessuu fi nageenyaa fi tasgabbii naannawichaaf gumaacha olaanaa gochuu keessatti gahee guddaa akka qabdu ibsaniiru. Itiyoophiyaan wiirtuu nageenyaa fi tasgabbii naannichaa taatee itti fufuu ishee gochaan mirkaneessuun dhimma murteessaa fi itti fufuu qabu ta’uus eeraniiru. Itiyoophiyaan ummata miliyoona 100 fi miliyoona30 ol qabduuf nageenyi fi tasgabbiin biyya keessaa, naannichaa, ardichaa fi idil-addunyaa dhimma xiyyeeffannoo murteessaan kennamuuf ta’uu kaasaniiru. Mootummaan Itiyoophiyaas kutannoo nageenya waaraa ijaaruuf qabuun waamicha nageenyaa irra deddeebiin dhiyeessunis yaada kana bu’uura kan godhate ta’uu ibsaniiru. Mootummaan garaagarummaa jiru karaa nagaa, marii, marii waliigaltee fi waliif kennanii fudhachuu irratti hundaa’uun furuuf tarkaanfii dheeraa akka tarkaanfate kan ibsan Haayilamaariyaam Dassaalany, dhimma kanaaf labsii qofa osoo hin taane, gara tarkaanfii qabatamaatti ce’uu isaa dubbachuu isaanii ENA’n gabaaseera.#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #Mul’ataGuddaa