Finfinnee, Onkololeessa 19, 2019 (FMC) – Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa Televizhinii Tigraay dhorkamee ture moggasa haaraan eeyyama kennuufi beeksiseera.Abbaan Taayitichaa, eeyyama tajaajila tamsaasaa dhaabbata duraan Ejensii Miidiyaa Tigraay jedhamee beekamu, guyyaa har’aa moggasa haaraa ‘Tigraay Miidiyaa Korporeeshinii” moggasa jedhuun haaromsuu ibseera.Abbaan Taayitichaa, Ejensiin Miidiyaa Tigraay duraan qabiyyee Labsii Miidiyaalee Lakkoofsa 1238/2013 faallessuun qabiiyyeewwan faayidaa biyyaalessaa miidhan, akkasumas nageenya biyyaafi uummataa balaaf saaxilan tamsaasaa waan tureef eeyyamni isaa dhaabbatee turuu ibseera.Bulchiinsi Imaanaa Naannoo Tigraayi dhaabbatichi kanaan dura hojii waraanaa fi badiisaa raawwachuuf akka tajaajilaa ture amanee, amma ammoo bulchiinsi naannichaa haaraan nageenyaafi tasgabbii naannichaa mirkaneessuu keessatti gahee qabu akka bahatu, akkasumas sagalee uummataa ta’ee akka tajaajilu kaayyoo godhachuun, maqaa haaraa ‘Tigraay Miidiyaa Korporeeshiin” jedhuun eeyyamni akka kennamuuf gaaffii dhiyeesseera.Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaas gaaffii dhiyaate seera miidiyaalee bu’uura godhachuun erga qoratee booda, gaaffichi seera qabeessa afi fudhatama kan qabu ta’uu amanuun fudhachuu ragaan Abbaa Taayitichaarraa argame ni mul’isa.#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #UummataGuddaa