Finfinnee, Onkoloolessa 21,2019(FMC)- Qaroomina Itiyoophiyaa ijaaruuf badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuu qabna jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahmad. Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahmad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, hoggantoonni Mootummaa Ida’amuu giddugala Leenjii Loltummaa Huursootti leenjii fudhachaa jiraachuu ifoomsaniiru. Badhaadhina hunda galeessa jechuun badhaadhina qabeenyaafi hafuuraa, aadaafi naamuusaa akka hammatu ibsaniiru. Kanaaf ammoo hoggansa qophaa’ummaa gama maraa akka barbaachisu hubachiisanii, qaamaan jabaachuu, naamuusa gonfachuu, beekumsaan qaramuu, ogummaa qabaachuutu irra jira jedhaniiru. Keessumaa miira jaalala biyyaafi uummataaf quuqamuun dirqama isaa akka bahatuuf imaanaa biyyaa qabaachuu yaadachiisaniiru. Saayinsiin, muuxannoon fi jireenyi loltummaa kaayyoofi naamusa dhala namaa bocuu keessatti dorgomaa akka hin qabne kaasaniiru. Dhalli namaa qaamaan fi hafuuraan naamuusa qabeessa akka ta’uuf baroottaniif dhaloota qopheessaa turuu yaadachiisaniiru. Hoggantoota gurguddoo eenyummaa keessoo fi alaan milkaa’an bocuun horachuu eeraniiru. Dirqama gahumsaan raawwachuun, miira gootummaan tajaajila kennuun, naamusa hojii bocuun, galma waloo waliin milkeessuun, yeroo hunda qophii ta’uun, irraa jala hoggansa horachuun, itti gaafatamummaa, gubbaa hanga gadiitti waldubbisuun kaayyoo galmaan gahuun duudhaalee saayinsiifi muuxannoo loltummaa irraa fudhatamuu danda’an ta’uu eeraniiru. Hooggantoonni mootummaa Ida’amuu Giddugala Leenjii Loltummaa Huursootti leenjii fudhachaa akka jiran kaasanii, qaroominni Ida’amuu tarsiimoo guddicha hojiirra oolchuu akka danda’uuf saayinsiifi jireenya loltummaarraa beekumsa, ogummaawwan fi muuxannoo fudhannu qabna jedhan. Keessumaa yaadota tarsiimichaa afaan tokkoon waliigaluu, naannoo haalaan fayyadamuu, walitti fufiinsaan uummata kaayyoofi hojii qabatamaaf cimsuuf, waadaa uummataaf galle haalaan raawwannee xumuruuf, caasaa gubbaa hanga gadii jiru kaayyoo biyyaalesaaf cimsuu, biyya imaanaan hogganuu, biyya jabduu eenyuuf iyyuu hin jilbeenfanne ijaaruu, dhaloota egeree horachuu fi nageenya uummataa yeroo kamiyyuu mirkaneessuu jedhan haalaan hubachuufis ta’e raawwachuuf leenjiin loltummaa qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru. Loltoonni kiyyeeffannaa, siiviilonni ammoo kaayyoo qabu jedhanii, galmi lameen isaanii injifannoo galmeessisuu akka ta’e ibsaniiru. Naamuusa lameen hubachuun dhaloota qiyyeeffannaa fi kaayyoo isaa milkeessu ni uumna jedhaniiru. #Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa